header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ameerikaan biyyoonni sulula laga Abbaay haala itti fayyadama lagichaa haqa qabeessa tahe mirkaneessuuf marii geggeessan kan deeggartu tahuu beeksiste

Ameerikaan marii Ityoophiyaa, Suudaan fi Masri haala ijaarsa hidha laga Abbaay  irratti geggeessaa jiran ilaalchistee ibsa kan baste yoo tahu, biyyoonni sulula laga kanaa keessa jiran hundi karaa haqa qabeessa taheen, walii galtee itti fayyadama isaanii mirkaneessu irra akka gahan kan deeggartu ta’u beeksiiste.

 

Waayit Haawus Jum’aa kaleessaa ibsa gabaabaa baaseen ”biyyoonni Laga Abbaay hundi qabeenya kana misoomsuu fi ittin badhaadhuuf mirga qabu; Mootummaan  Ameerikaa biyyoonni hundinuu mirga kana  irratti hundaayuun, waliigaltee itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa ta’ee fi fedhii irratti hundaa’e irra akka gahaniif waamicha ni taasisa,” jedha.

Ameerikaan Ibsa kana yeroo kanatti maliif akka baaaste kan hin ibsin yoo tahu,  marii dhiheenyatti qondaaltonni biyyoota  sadeenii Kaartuum keessatti taa’uuf jiran waliinis wal qabachuu fi dhiisuu isaas wanti beekame hin jiru.

 

Haata’u malee Prezdaantiin Masrii Abdulfattaah Al Siisii torbee darbe Kora Waliigalaa UN irratti haasaya godheen”Ityoophiyaan hidha Laga Abbaay iirratti ijaaraa jirtuun wal qabatee walii galteen haqa qabeessi akka hin raawwatamne danqaa tahuu ibsuun, kun ammoo naannichi tasgabbii akka hin qabaanne gochuu danda’a” jechuun yakkuun isaa ni yaadatama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button