header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Marii Ulamaa Ityoophiyaa hawaasni Muslimaa duula biqiltuu dhaabuu irratti dammaqinaan akka hirmatu yaamicha godhe.

Yaamicha Mummichi Ministeera Abiy Ahmad irraa Adoolessa 22/2011 guutuu biyyaatti biqiltuu miliyoona dhibba lama guyyaa tokkotti dhaabuuf godhame hordofuun, duulli biqiltuu dhaabuu Isniina boruu guutuu biyyaatti ni geggeeffama jedhamee eeggama.

Prezidantii Mana Marii Ulamaa Ityoophiyaa kan tahan Muftii Haaji Umar Idiriis, haawsni Muslimaa duula guyyaa boruu guutuu biyyaatti geggeeffamu kana irratti dammaqinaan akka hirmatu dhaamsa dabarfatan.

Muftii Haaji Umar Idiriis
“Biqiltuu dhaabuun siyaasaa miti! Kaayyoon isaa guddaan bu’aa biyyattiif haga ta’etti, gama kaaniin amantiin keenyaas ummanni yaamicha mootummaan isaa hojii tolaa irratti yaame akka kabaju waan barsiiftuuf, hawaasni Muslimaa yaamicha kana akka fudhatee irratti hirmaatu” jedhan.

Duula biqiltuu dhaabuu guyyaa boruu guutuu biyyaatti geggeeffamuuf karoorfame kanaaf qophiin gama mootummaa irra godhamu hundi xumuramuun ifoome.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button