Bison (Baaysan) Gafarsa Ameerikaa

Qophii: Abu Ibtisaam

Waahee uumama kanaa Viidiyoo kanarraa daawwadhu

Uumamni kun Biyyoota Ameerikaa Kaabaa keessatti argama. Sababa kanaafis gafarsa Ameerikaa jedhanii waaman. Baaysan maatii Bovidae keessatti ramadama. Akkuma amma dura isiniif dhiheessee, Maatiin Bovidae bineensota akka Hoolaa, re’ee, gadamsaa of keessaa qaba. Baaysanis bineensota akkanaa kanniin waliin waan isa wal fakkeessu qaba. Seensa Jaarraa 19ffaa tti  bineensi kun hedduminaan Ameerikaa keessa kan jiraataa ture yoo ta’u, lakkoofsi isaatis  Miiliyoona 60 ol akka tahe himama. Haa ta’u malee, jalqaba jaarraa 19ffaa irratti namoonni heddu gara ameerikaa deemanii qubachuu jalqabuu isaatiin lakkoofsi uumama kanaa akkaan gad bu’e. Lakkoofsi isaatis Kuma dhibba lamaa gad ta’e. Kana booda, Uumama kana kunuunsuun jalqabame.

Guddina Qaamaa

Baaysan uumama Maatii Bovidae keessaa isa guddaadha. Dheerinni isaa kan qoffee irraa kaasee haga eegee  jiru Meetira Sadih ni ta’a. Lafaa ol ammoo Meetira 2 dheerata. Ulfaatinni Qaama isaatis akkaan guddaadha. Sanyiin bineensa kanaa garaagarummaa kan qabu yoo ta’u, Inni xiqqaan Kilograama 400 ulfaata. Guddichi ammoo Haga Kilograama 1000 ulfaata. Baaysan Guddina qaama isaatiin yeroo wal bira qabamu, Gaafa gabaabaa, garuu kan akkaan qara qabu, kan gara samii ol dhaabbatee jiru qaba. Dheerini gaafa isaatis haga Seentimeetira 50 ni ta’a. Gogaan isaatis kan aja’ibati. Baaysan gogaa furdaa magaala kan qabu yoo ta’u, yeroo qabbanaatti hoo’a, yeroo hoo’aatti ammoo qabbana isaaf kenna. Dalluun isaa irree garagaraatiin guutame jira. Irreen dalluu isaa keessatti argamus, uumamni kun cabbii akkaan guddaa keessatti rakkoo takkaan malee akka deemu isa taasisa.

Haala Jireenyaa

Baaysan  dhiiraafi dhalaan adda qoqqoodamee garee uumee waliin jiraata. Gareen Baaysan miseensa xiqqaa kan qabu yoo ta’u, dhalaanis garee dhalaa, dhiirris garee dhiiraa keessa jiraata. Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa ammoo gareen kunniin walitti makamuudhaan yeroo isaanii dabarsan. Dhalaan Baaysan cow kan jedhamtu yoo ta’u, Kormaan ammoo Bull jedhamee waamama. Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa kanatti, Korommiin waggaa guutuu garee tokko keessa nagayaan waliin jiraataa turan, guyyaa kana xiyyeeffannaa dhalaa argachuuf jecha wal a’u. Gariin gaafa walitti dira, gariin ammoo mataan walitti bu’aa wal’aansoo godha. Walumaa galatti lolli dhalaa irrati godhamu kun Kormaa heddu eega miidheen booda, injifannoo isa tokkotiin xumurama. Innis dhalaawwan garee san keessatti argaman kan hormaataaf qophii ta’an waliin walqunnamtii wal hormaataa raawwata. Eegasii ji’a sagaliif walakkaa booda Haadhoon takka ilmoo takka qofa dhalti.  Yeroo dhaluu geettutti garee keessaa bahuun qophaa bakka addaa jiraatti. Ilmoon dhalatu kunis guyyaa dhalatu haga Kiilograama 14ii ulfaata. Gaafa ji’a lama guutu gaafaa fi dalluu baasuu kan jalqabu yoo ta’u, haga ji’a torbaatti muchuma haadhaa hodhaa jiraata.

Soorata

Maatiin Bovidae hundi warra baala sooratu, kanaafuu Baaysanis Marga dheedaa jiraata. Maatiin bineensota Bovidae hundi yeroo sooratan hin bulleessan. Eega waan isaaniif gahu sooratanii booda, yeroo boqonnaa fudhatan ciisanii alala dhahu.  Baaysan uumama akkaan guddaa waan ta’eef diina heddus hin qabu. Diini uumama kana lama qofa. Isaanis Yeeyyii fi Ilma namaati. Lameen isaaniituu foon isaatiif jecha isa barbaadu. Akkuma amma isiniif hime ilmi nama sababa Koloniitiin eega dachii Ameerikaa irra qubatuu jalqabe kaasee, namoonni heddu uumama kana adamsaa soorataa turan. Yeroo jaarraa tokko hin guunne keessatti lakkoofsa uumama kanaa miiliyoona 60 irraa gad buusuudhaan gara Kuma dhibba lamaatti deebisan. Sababa kanaafis ammaan tana kunuunsi godhamaafii jira. Kanas ta’u Baaysan uumama rakkoo hamaa keessa jiru jedhamee galmaayee jira.

Qubsuma

Baaysan haala qilleensa garagaraa dandamachuu ni danda’a. Qilleensa qabbanaayaa Kaaba Ameerikaa fi kaanaadaa keesa jiru irraa kaasee, hanga hoo’a dachii Meeksikoo keessa jiraachuu ni danda’a. Gogaan isaatis kanniin lachuu dandamatee akka jiraatu godhamee uumame.

Bineensi kun bakkarraa bakkatti godaanaa jiraata. Qaamsi bineensa kanaa guddaas tahu, fiigichaafi ultaalcha irrattis akkaan jabaadha. Yeroo soorata barbaacha godaanu, akkasumas yeroo diina isaa jalaa dheessu sa’aa tokko keesatti Kilomeetira 60 fiiguu danda’a. Utaalcha irrattis uumama ajaa’ibaati. Yeroo takkaan bakka dhaabbatee Meetira lama lafarraa ol utaaluu danda’a.

Walumaa galatti uuamamni Rabbii keenyaa kan ajaa’ibaati. Waan hunda wal simsiisee uuma. Baaysaniin Ameerikaa keessatti yeroo uumu, googaa waa hunda dandamachuu danda’u isa badhaase. Uumama godaansa irratti yeroo isaa dabarsu waan ta’eefis dandeettii fiigichaattis isa badhaase. Dalluun isaatis deemsa cabbii keessaatti akka dandamatu godhamee uumame. Rabbiin warra isa beekee isatti amanee milkaawu nu haa godhu.

Comments
Loading...