header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 16, 2020

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasii koroonaatiin qabamuu mirkanaahe 3,630 gahe

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii 5,102 geggeesseen, nama 109 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 3,630 gahee jira.

Namoota kanneen jidduu 60 dhiira; 49 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii ammoo 1-78 tahuu ibsame. Namoonni hundinuu lammiilee Ityoophiyaa tahuu gabaafame.
Iddoon jireenna namoota kanneenii ammoo 81 jiraattota magaalaa Finfinnee, 4 naannoo Somaalee irraa, 3 naannoo Tigraay irraa, 9 nannoo Oromiyaa yoo tahan, namni 3 nannoo Amaaraa, 4 naannoo Kibbaa, 3 Affaar irraa, 2 ammoo naannoo Hararii irraa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Dabalataanis lakkoofsi namoota sababa dhibee kanatiin du’anii 61 kan gahe yoo tahu, lakkoofsi namoota dhibee irraa bayyanataniitis 738 gahee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button