KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 17, 2020

Ministeerri Fayyaa Sa’aa 24 dabre keessa qoronnoo geggeefameen namoota 129 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise

Ministeerri Fayyaa ibsa Arba’aa har’aa baaseen, qorannoo laabiraatoorii sa’aatii 24 darban keessatti namoota 5,274 irratti geggeeffameen, namoota 129 irratti vaayirasiin Koroonaa argamuu beeksise.

Namoonni vaayirasichi irratti argame dhiira 79 fi dubartoota 50 yoo ta’an, namoonni hundinuu lammiilee Ityoophiyaa tahuu ibsame.

Namoota kanneen jidduu 85 jiraattota magaalaa Finfinnee, 11 naannoo Tigiraay, 6 naannoo Amaaraa, 10 naannoo Somaalee, 1 naannoo Affaar, 5 jiraattota naannoo Oromiyaa yoo tahan, 4 Magaalaa Dirree Dhawaa akkasumas 7 ammoo jiraattota naannoo Kibbaa tahuu ibsi ministeerichaa ni addeessa.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa keessatti baay’inni namoota Vaayirasii Koronaatiin qabamanii 3,759 kan gahe yoo ta’u, namoonni 849 ammoo dhibee kanarraa fayyuu ibsame.
Dabalataanis ministeerri Fayyaa ibsa har’a baase kanaan, biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii 63 gahuu beeksise.

Show More

...

Back to top button