header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mootummaan Suudaan naannolee biyyattii heddu keessatti labsii yeroo muddamaa labse

Suudaan keessatti kufaatii maallaqaa fi qaala’iinsa jireenyaa hammaataa dhufe hordofuun, lammiileen biyyattii guyyoota afran dabraniif mormii geggeessaa kan jiran yoo tahu, mootummaan Suudaan mormii guutuu biyyattii keessatti babal’ataa dhufe kana too’achuudhaaf labsii yeroo muddamaa labsuu ibse. Haaluma kanaan magaalaa Khartuum dabalatee hanga ammaatti naannoolee afur keessatti labsiin yeroo muddamaa hujii irra kan oole tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Ministeerri barnootaa ol’aanoo fi Qorannoo Saayinsii Sadiq Al-Hadi ibsa kenneen, mormii biyyattii keessatti babal’ataa dhufe waliin walqabatee yuunivaristiiwwan bulchiinsa naannoo Kartuum keessa jiran hundi cufamuu beeksise. Haaluma wal fakkaatuun, kutaalee White Nile, Gadariif fi Naannoo Kaabaa keessatti manneen barnootaa hundi kan cufaman tahuu gabaasni Anaadooluu Niiwus irraa argame ni addeessa.

 

Guyyoota dabran mootummaan mormii ummataa kana too’achuudhaaf tarkaanfii cimaa kan fudhatu tahuu kan akeekkachiise tahus, guyyaa hardhaatis kutaalee biyyattii heddu keessatti ummanni daandiiwwanitti bahuun dallansuu cimaan mormii kan itti fufe tahuun beekkameera. Mormii cimaa biyyattii keessatti dhoohe kana hordofuun, mormitoonni Khartuum dabalatee magaalota heddu keessatti waajjira Paartii biyyattii bulchaa jiruu ibiddaan kan barbadeessan yoo tahu, humnoonni mootummaa tarkaanfii fudhataniin hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni Saddeet kan ajjeefaman tahuu gabaafame.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button