header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooSaayinsiif Teknoolojii

Dhaabbanni Feesbuuk jiddu gala gamaaggama qabiyyee jalqabaa Keeniyaatti banuuf akka tahe beeksise

Dhaabbanni Feesbuuk biyyoota Afrikaa Saharaa gadi jiran keessatti yeroo duraatiif jiddu gala gamaggama qabiyyee (Content Review) Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessatti banuuf qophii xumuruu beeksise. Jiddu galli kun qabiyyee ergaa fayyadamtoonni feesbuukii dabarsan gamaaggamuu dabalatee, tajaajila fayyadamtoota naannichaa fi dhaabbaticha wal qunnamsiisan kanneen birootis kan kennu tahuu gabaafame.

Dhaabbatichi akka jedhutti, jiddu galli kun maamiloonni isaa naannicha keessa jiran teeknoolojii Feesbuuk soda nageenyaa fi rakkoo tokko malee yaada isaanii fi ergaa isaanii karaa bilisa ta’een akka dabarfatan kan gargaaru ta’uu beeksise.

Haaluma kanaan xumura bara kanaa irratti jiddu galichi naannichatti ogeeyyota 100 ol kan qaxaru ta’uu ibse. Jiddu gala kanattis afaanonni tajaajila irra oolaan; Afaan Oromoo, Afaan Somaalee, Afaan Hawusaa fi Afaan Siwaahilii dabalatee afaanonni biroo heddu kan keessatti argaman tahuu gabaafame.

17 Comments

  1. barumsa bareeda heddu gaari tahe dabarsa jirtanii galatoma jzkllh kheran
    جزاك الله خير الجزاء

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button