header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gazzaatti Hospitaalonni lama cufaman, Al Shifaa’ marfameera

Olmaya Falasxiin November 13,2023

Waraanni Israa’el Gazzaa keessatti waan hambisaa jiru hin qabu. Gamooleen jireenyaa haxaawamanii dirree qulqullutti deebifamaa jiru. Masjiidonni Rabbii diigamanii jiru. Bu’uuraaleen misoomaatis barbaddeefamee jira. Silaa waraanni hin barbaachisu. Ammoo Yeroo waraanaatti wanti akkaan barbaachisuu fi ilma namaatiif tajaajila kennu buufata fayyaati. Kan miidhame itti wal’aanama. Kan lubbuu hambifatuu barbaadus itti baqata. Kanaaf akka dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti buufataaleen fayyaa, ‘waraana irraa bilisa’ akka ta’uu qaban himama. Israa’el biratti garuu kun hin hojjatu. Wanti Gazzaa keessa jiru hundi diina kiyya jettee fudhatteerti.

Alhada kaleessaarraa jalqabee hospitaalonni lama guutumaan guututti dalagaa dhaabuun cufamuun isaanii gabaafamee jira. Hospitaalli Kaaba Gazzaatti argamu kan Kamaal Adwaan jedhamu hanqina gaazii irraa kan ka’e tajaajila kennuu waan dadhabeef guutuman guututti cufamuun isaa himameera. Akkasumas Gazzaa keessatti hospitaalli guddinaan sadarkaa lammaffaa irra jiru, Hospitaalli Al Quds sababuma wal fakkaatuun cufamuu isaa dhaabbata addeessa diimaa Falasxiintu beeksise.

Hospitaalli Guddichi Gazzaa, Al Shifaa ammas waraana israa’eliin akkuma marfametti jira. Innis cufamuudhaan waluma qixa jira. Wanti seenuu fi bahu hin jiru. Isnaayipparoonni Israa’el waan dallaya keessatti argan hunda itti dhukaasuun ajjeesaa jiru. Haga ammaatti Narsoonni sadih ajjeefamuu isaanii ministeerri fayyaa Gazzaa beeksiseera. Sababa hanqina boba’aatiin oksijiiniin waan dhabameef daa’imman ICU keessa turan 40 ol du’uun isaanii ni beekama.

Dhimma marfamuu Hospitaala Al Shifaa Kanaan wal qabatee furmaanni yoo godhamuu baate, namoonni 15,000 ta’an kan hospitaalicha keessatti argaman suuta du’uu danda’u jedhamee sodaatama. Sooratni seenu hin jiru. Bishaan hin jiru. Kanaafuu lammiileen as keessatti argaman hundi rakkoo cimaa keessa akka jiran himameera.

Eddoon kuusaa Oksijiinii, eddoon kuusaa bishaanii, gamoon yaala onnee, gamoon yaala dubartootaa fi daa’immanii guutumaan guututti haleellaa misaa’ela Israa’eliin barbadeeffamanii jiru. Guyyaa sanbata xiqqaa Hospitaalli Iswiidin kan kaampii baqattoota Al Shaatii keessatti argamu misaa’elaan haleelameera. Haga ammaatti badiin dhaqqabe hin gabaafamne. Gama biraatiin haleellaa Hospitaala Al Mahdii irratti raawwatameen doktoroonni lama ajjeefamanii tokko ammoo madaayee jira. Gabaabumatti waraanni israa’el hospitaalotarratti xiyyeeffannaa godhuun haleellaa geggeessaa jira.

Kun osoo Kanaan jiru waraanni israa’el haleellaa Gazzaa irratti raawwataa jiruun Masjiidota 60 ol barbadeessee jira. Akka seera dhala namaa addunyaatti eddooleen amantii, “eddoo aadaa fi duudhaa” waan ta’aniif eegumsi akka godhamuuf, akkasumas akka hin haleelamne ajaja. Haa ta’u malee Israa’el haga ammaatti masjiidota 60 ol barbadeessitee jirti. Akka tajaajilli oduu Falasxiin gabaasetti Alhada kaleessaa masjiidni al Salaam kan ganda Sabraa keessatti argamu barbadeeffameera.

Guyyaa kaleessaa haleellaa magaalaa Khaan Yunisitti geggeeffameen namoonni 31 ajjeefamanii jiru. Kaampii baqattoota Jabaliyyaa keessatti ammoo lammiilee 19tu ajjeefame. Akka walii galaatti haga ammaatti lammiileen Falasxiin 11,180 ta’an waraana Israa’eliin ajjeefamanii jiran. Kan keessaa 4500 ol ijoollee xixiqqoodha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button