header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Jilli Ulamaa’otaa fi Hayyootaan durfamu hawaasa Naannoo Somaalee irraa buqqa’e daaw’achuuf gara Hammarreessa imala jalqaban.

Jilli Ulamaa’otaa fi Hayyootaan durfamu kun mata duree “Foon malee Xannachi hin dhiigu” jedhuun imala isaanii guyyaa har’aa Finfinnee irraa jalqaban. Jilli ulama’otaa,Du’aatota, jarsolii biyyaa, hayyoota, fi dargaggoonni  Finfinnee dabalatee guutuu Oromiyaa, Oromoota Kamisee fi Oromoota Raayyaa irraa walitti bahan lakkoofsi isaanii namoota 200 ol ta’an kaka’umsa mataa isaaniitiin walqindeessuun lammilee keenya qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an qaaman dhaqanii gaafachuuf, imala eegalanii jiru. 
Miseensota jila kanaa keessaa Aalimni keenyaa jalatamaa fi Kabajamaa Dr Jeeyilaan Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Ustaaz Kamil Shamsuu, Daa’ii Qamar Huseen dabalatee ula’maa’onni heddu kan argaman tahuu gabaasin arganne ni mul’isa.
Jilli Ulamaa’otaa fi du’aatotaan durfamu kun buqqaatotaaf kan oolu ambulaansii Ford (Mini Clinic) akka kilinakaatti tajaajiluu danda’u fi siree ciisichaa lama qabu tokko bituun akkasumas deeggersa meeshaalee adda addaa konkolaataa saddeetitti fe’uun, walumaa galatti deggersa qarshii miiloyana 4.5tti tilmaamu qabachuun guyyaa har’aa galma waajjira Pirezidaantii BMNO argamanii kaayyoo imala isaanii ibsanii jiru. 
“Kaayyoon imala kanaa ummata keenya qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deggersa taasisuun yeroo rakkoo walibira dhaabbachuu, jaalalaa fi tokkummaa Oromoon qabu agarsiisuuf akka ta’e” qondeessitoonni Koree prezadaantii MNO beeksisan tahuu  ibsi waajjira Kominikeeshiinii mootummaa naannoo Oromiyaa baase ni mul’isa.
Sagantaa geggeessaa kana irratti Pirezidaantiin BMNO  Obbo Lammaa Magarsaa jila kana galateeffachuun haasawa godheen “Gaafa Rakkinaa Walbira Dhaabachuun Biqltuu Tokkummaa Kunuunsuudha.”jechuu isaa gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button