header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammiileen Suuriyaa kumaatamaan lakkaawaman naannawa Guutaa Bahaa keessaa baqachutti jiran

Haleellaa waraanni mootummaa Suuriyaa qilleensa irraan naannawa Guutaa Bahaa keessatti hammeesse hordofuun, ummanni kumaatamaan lakkaahamu baqataa jira. Gareen Syrian Observatory Group jedhamu akka ibsetti,  waraana waggoota torbaaf Suuriyaa keessatti gaggeeffamaa jiruun guyyaa tokkotti ummanni akka kana baay’ina qabu nannawa tokko irraa baqatee hin beeku.

 

Ganama Jum’aa har’aa qofa Guutaa Bahaa nannnawa Kafr Batnaa jedhumu keessatti halellaa waraanni Mootummaa raawwateen daa’imman jaha dabalatee namoonni nagahaa 46 kan ajjeefaman tahuu gabaasni argame ni mul’isa.

www.tellhco.com

Halkan kaleessaa irraa jalqabee hanga ganama har’aatti qofa, naannawa haleellaan itti hammaate keessaa namoonni 13,000 ol taha, gara naannawa Baha Damashq kan too’annaa mootummaa jala jirutti kan baqatan tahuu Ministeerri ittisa Ruusiyaa beeksise.  Gareen Syrian Observatory Group akka jedhutti Guutaa Bahaa nannawa magaala Humeeriyaa keessaa qofa halkan edaa irraa jalqabee namoonni 20,000 ol tahan kan baqatan tahuu ibse.

Estern Ghouta

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button