header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Murtii Ol’aanaan Nannoo Amaaraa qondaaltota mootummaa duraanii lama irratti adabbii hidhaa fi maallaqaa murteesse

Qondaaltonni mootummaa duraanii ol’aanoon Obbo Barakat Sim’oon fi Obbo Taaddasaa Kaasaa, maalamaltummaan himatamanii waggaa tokko dura qabamanii hidhamuun ni yaadatama. Manni Murtii Ol’aanaan Nannoo Amaaraa dhimmicha ilaalaa ture, qondaaltonni lamaan dhaabbata Xirat jedhamu yeroo hogganaa turanitti, qabeenya ummataa malaamaltummaaf saaxilanii jiru jechuun murtii dabarse.
Haaluma kanaan Obbo Taaddasa Kaasaa himannaa sadihiin yakkamee, hidhaan waggaa saddeet fi Birrii 15,000 irratti murteeffame. Obbo Barakat Sim’oon ammoo himannaa lamaan yakkamee, hidhaan waggaa jahaa fi Birrii 10,000 kan irratti murtaahe tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button