header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa weerarri Covid-19 too’annoon ala ta’uu mala jechuun akeekkachiise

Ityoophiyaa keessatti weerarri vaayirasii koroonaa akkaataa kanaan dura hin mul’atiniin garmalee dabalaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise. Hoggantuun Ministeera Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa har’a akka himtetti,  tatamsa’inni vaayirasichaa to’annoon ala ta’uusaatiin dura namni hunduu itti gaafatamummaa isaa ba’uu qaba jette.

 

Dr Liyaan haala weerarri vaayirasichaa amma irra jiru yemmuu ibsitu, Kanaan dura weerarri vaayirasichaa dhibba keessaa 10 gadi ta’uu ibsuun, yeroo dhiyoo asitti, keessattuu torbeewwan darban keessa ammoo dhibba keessaa 17 ga’ee jira jette. Haaluma kanaan Guyyoota 10 darban keessatti hanga Alhada darbeetti, namoonni 12,000 vaayirasichaan akka qabamanii fi namoonni 149 ammoo du’u ibsame.

 

Dr Liyaan itti dabaluudhaan, lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii haala duraan hin muudatiniin dabaluu fi namoonni garmalee dhibamanii yaalii cimaa barbaadanis guyyoota darban keessa kan kanaan dura ture haalaan caaluun 450 ga’uu himte. Sababa kanaan kutaan namoonni haalaan dhibaman itti yaalaman guutuu fi meeshaan namoonni garmalee dhibaman ittiin harganan (Ventilator) kan jiru hundi akka qabame, akkasumas hanqinni oksijiinii mudachuus ibsame.

 

Hoggantuun Ministeera Fayyaa dhumarrattis “tatamsa’inni vaayirasichaa haala kanaan itti fufee, to’annoo ala ta’uun dura itti gaafatamummaa fi of-eeggannoon sirnaan hojiirra oolfamuu qaba”jechuun akeekkachiiste.

 

Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa gama isaatiin akka jedhetti, namoota 531 yeroo ammoo ciisanii waldhaanamaa jiran keessaa namoonni 66 meeshaa harganuuf nama gargaaru(ventilator) dhaan jiran. Haata’u malee ventileetaroonni jiran hundi waan qabamaniif, namoonni haalaan dhibaman 8 ta’an dabaree eeggachuu irratti argaman.

Itoophiyaatti eega weerarichi jalqabee as namoonni 176,618 kan qabaman yoo ta’u, kanneen keessaa 2,555 du’uu gabaafame.

 

Odeeyfannoo walfakkaattuun UK’n Jimaata dhufu irraa eegalee namoonni Ityoophiyaa, Somaaliyaa, Omaan fi Qaxar irraa dhufan gara biyya isii akka hin seenne dhoorkuu beeksiste. Biyyattiin murtee kana kan dabarsiteef gosti vaayirasii COVID-19 haarayaa gara biyyattii seenuu mala sodaa jedhuun tahuu ibsite.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button