header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Lakkoofsi Namoota COVID-19’n qabamanii guutuu Addunyaatti Miliyoona 50 dabre

Guutuu addunyaa irraa hanga guyyaa harraatti namoonni 50.591,307 dhibee kanaan qabamuu, miliyoonni 1.26 ol immoo lubbuu dhabuu fi akkasumas namoonni miliyoona 36 dhihaatan dhibee kana irraa fayyuu gabaasani Yunivaristii John Hopkins irraa argame ni mul’isa.

Biyyoota addunyaa dhibeen kun keessatti haammate jidduu walduraa duubaan Ameerikaa, Indiyaa fi Biraaziil kan mataa yoo tahan, Ameerikaatti namoonni 10,302,758 dhibee kanaan qabamuu, 243,820 du’uu fi namoonni 6,484,179 immoo dandammatanii jiru.

Indiyaan namoota dhibee kanaan qabaman 8,587,628 qabachuun, Biraaziil immoo namoota dhibee kanaan lubbuu dhaban 162,397 qabachuun Ameerikaatti aanu.

Dhukkubni daddarbaan ji’a 11 dura Chaayinaa keessatti argame kun biyyoota addunyaa 190 keessatti facaa’uu odeeyfannoo ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button