header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

COVID-19 UPDATES June 25, 2020

Itoophiyaatti lakkoofsi Namoota COVID-19’n qabamanii 5175 gahe
Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa har’a baaseen, sa’aatii 24 darbe keessatti qorannoo laabratoorii namoota 4,675 geggeesseen, nama 141 irratti vaayirasiin koroonaa argamuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamuu mirkanaayee 5,175 gahee jira.

Namoota kanneen jidduu 81 dhiira; 60 ammoo dubartoota akka tahaniifi, umriin isaanii ammoo baatii 2 hanga waggaa 87 tahuu ibsame. Namoonni 139 lammiilee Ityoophiyaa yoo tahan, 2 ammoo lammii biyya biroo tahuu gabaafame.

Iddoon jireenya isaanii immoo namoonni 113 magaalaa Finfinnee, 15 naannoo Oromiyaa, 6 Hararii, 3 Gambeelaa, 2 naannoo Soomalee, 1 Dirree dhawaa fi akkasumas namni tokko Beenishangul Gumuuz tahuu ragaan ministeera Fayyaa irraa bahe ni mul’isa.

Akkasumas namoonni dhibee kanaan qabamanii walaansa irra turan 3 kan lubbuun dabre yoo tahu, walumaagalatti lakkoofsi namoota du’aanii 81 kan gahe jira.
Gama biraatiin namoonni 58 fayyuun, haga ammatti lakkoofsi namoota Dhibee kanarraa bayyanatanii 1,544 gahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button