Yeroo 3 Jiraachuu Feetaa?

Qopheessaan: AbudulJawaad Ibraahiim

Addunyaa tanarratti yeroon sadihuma;

  • ·        Kaleessa ammaan dura dabre,
  • ·        Arra kan keessa jirru,
  • ·        Boruu fuulduratti kan itti deemnu.

Guyyoota sadeen kanarratti jiraachuu fi mul’achuu ni dandeenya. Kaleessa hin turree hin dhalannee akkamitti? Yoo jatte dhugaadha. Osoo hin dhalatin jiraachuun hin danda’amu. garuu eega fedhii Rabbiitiin dachii tanarratti argamne yaadaan duubatti deebinee jiruu dabarteerraa waa barachuu, waan ammaan duraarraa bu’aa buufachuun numa dandeyama. Gola seenaa keeysa seennee galmee dabartee gara gaggalchinee yoo qo’anne, suuta obsaan yoo qoranne laafinaa fi cimina warra nuun duraarraa muxannoo jabduu guduunfanna.  Akkanaanigaa kan kaleeysarraa bu’aa buufannu.

Arra jiraachuuf ammoo guyyaan siif kenname arra tahuu qalbifattee waan hojjachuu qabdu keeysatti talisummaa lakkiftee, baallamaan if sossobuu dhiistee, waan dalaguu qabdu ammuma yoo raawwatte nama milkaawaa tahuu ni dandeeysa.

Boru kee godhachuu yoo feete ammoo hojii jajjabduu fardii taate tan hawaasa fayyaddu, tan ummata jijjiiruu dandeeysu filattee xiyyeeffannaadhaan dalaguu qabda.  Boru jiraachuun kee shakkiidha. Qaamaan duniyaa tanarraa yoo deemtees hojii gaarii yoo qabaatte dalagaadhaan numa jiraatta.

Wixinee yaada bilchaataa of keessaa qabu yoo arra jalqabde, waahillan kee boru ni xumuru. Xurree kheeyrii baastee karaa akhiraa yoo deemte daandii kee sanirra namni imalu hedduudha. Ati har’aan tana yeroo tee qaalii sirnaan itti fayyadamtee, muxannoo kaleessaa kitaabarraa dubbistee fi mudannoo ammaan tana imala kee keysatti qunnamte walitti qindeeysitee, hanga humna teetii diin keetiif yoo waa gumaachite,  ta’aziyaan teetilleen guyyaa gaddaa osoon tahin guyyaa barnootaa dhalootaaf taati. Haala kanaan yeroo sadeenittuu fayyadamuu ni dandeenya. Osoo hin dhalatin, Eega dhalannee, jireenya dachii gubbaa eega fixnee boodaas yaadni keenya numa jiraata.

Obboleeyyan kiyya qaalii dubbii yeroo tana hogguu kaasnu yaada falmii lamaatuu dhiyaata; murni manguddootaa arra balaaleffachuun kaleeysa faarsu ‘‘dur hafee nurraa dhiisaa, namni ammaan tanaa faayidaa hin qabu haayi ijoollee si’anaa’’ jechuudhaan waan hanqina joolleen ammaa ni qabdi ja’anii yaadan waa hedduu tarreeysu,

Tuutti dargaggootaa ammoo manguddoota komachuudhaan yeroo keeysa jiran kana dhaadheeysu.  Nama durii hundaahuu ummata hedduu waan hin hubannetti tilmaamu. Hojii dabarte osoo hin madaalle miiraan murtii kennu. maalummaa kaleeysaa osoo hin hubatin arraa wajjiin wal-dorgomsiisuuf yaalu. ilaalchi dogongoraa kun garee lameen birattuu haalaan dagaagutti jira. silaa dhaloonni lameenuu, jechuun warri dur dhaadheeysuu fi arra faarsu osoo waliif galanii wal beekanii waliif beekan, wal dandeyanii waljala yaa’an, wal dhageyanii walirraa baratan, waan qaban kaaniif kennanii tan dhaban immoo walirraa fudhatan. rakkoon amma harkaa nu qabdu tun fedhii Rabbiitiin furmaata ni argatti. Kana malees dhaloota boruufillee waan gaarii lafa keenya. Gaddaa fi hiraar osoo hin tahin qaroomiinaa fi badhaadhina isaan dhalchisna, karaa duniyaa fi akhiratti ittiin qanani’an isaan barsiisna. Qalbi cabaa fi wal dhaba osoo hin tahin wal amantii fi tokkummaan onnatanii firii gaarii akka muratan isaan leenjifna.

Dirqamni dhaloota ammaa lama ;

  1. Toltuu kaleessaa dalagamtee nutti as dabarte kunuunsuu, dogongorri duraan uumame yoo jiraate sirreeysuudha.
  2. Labata hegereetiif karaa mijjeeysuu, xurree sunnaa tattaraaruudha. Kana malees imaanaa abboottiin teenya nuu kannan tiiysinee obboleeyyan keenya boru dhufanitti ulfinaan dabarsuudha.

Anaafi isinillee dhaloota dirqama ifii bahu nu haa taasisu

Comments
Loading...