header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Gareewwan mirga namoomaa, seera Niqaaba ugguru kan Bulchiinsi Kubeek baase mormuun Mana Murtiitti mormii seeraa banan.

Gareewwan mirga namoomaa fi walabummaa Kanaadaa , seerri Niqaaba ugguru kan bulchiinsi kutaa Kubeek baasee ture, mirga dubartoota Muslimaa kan cabse jechuun mana murtiitti mormii seeraa irratti banan.
Manni marii biyyoolessaa Muslimoota Kanaadaa  dhaabbata “Canadian civil liberties Association” jedhamu waliin tahuudhaan, mormii seeraa  Mana Murtii Ol’aanaa Kuubeekitti kan galchan tahuu beekameera.

Seerri bulchiinsi Kubeek ji’a lamaan dura baase kun, “Namni kamiyyuu tajaajila mootummaa argachuufis ta’ee kennuuf fuulli issaa muldhachuu qaba” kan jedhu yoo tahu, erga seerri kun labsamee asitti guutuu Kanaadaa keessatti walfalmii cimaa hordofsiiseera.
Mormitoonni  Seera kanaa akka jedhanitti, labsichi mirga amantaa fi walqixxummaa heera Kanaadaa irratti labsame kan cabsuu fi dubartoota muslimaa dhiibuu irratti kan xiyyeeffate waan tahe’eef, kutaalee biyyatti kamiyyuu keessatti hujii irra akka hin oollee jechuun gaafatan.
Himannaa ammaa kana ilaalchisee walfalmiin mana murtii irratti kan geggeeffamu tahuu Ministeerri Haqaa Bulchiinsa Kubeek mirkaneessee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button