header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Balaa Doonii Taanzaaniyaa hora Viktooriyaa keessatti muudateen namoonni 136 ol du’an

Dooniin namoota 300 ol fe’attee imalaa turte Khamiisa kaleessaa Taanzaaniyaa hora Viiktooriyaa keessatti dhidhimuun, yoo xiqqaate namoonni 136 kan du’an tahuu poolisiin Taanzaaniyaa beeksise. Dooniin tun buufata iddoola Ukaaraa jedhamtutti eega dhihaatteen booda kan dhidhimte yoo tahu, hanga ganama Juma’aa har’aatti namoonni 37 lubbuun kan baraaraman tahuu gabaasichi ni ibsa.

 

Hogganaan Poolisii naannichaa tokko Rooytarsiif akka himetti, “lakkofsi namoota doonii tana irra turanii qabatamaan hin beekamu, haa ta’u malee hanga ganama har’aattii reeffi namoota 136 argameera”jedhe. Poolisiin biyyattii hojjattoota yeroo balaa waliin barbaacha namoota dhabamanii kan itti fufe tahuun beekameera. Namoonni doonii irra turan irra hedduun gabaa torbaanii iddoola Ukaaraa keessatti dhaabbattu dhaqachuuf imalaa turan. Taanzaaniyaa keessatti balaan akkanaa yeroo heddu kan muudatu tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.

balaa Doonii Tanzaaniyaa2

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button