header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Turkiyaan dhimma Gaazexeessaa Sa’uudi Istaanbul keessatti dhabamee qorachuu eegalte

Maddeewwan Waajjira Abbaa alangaa Turkiyaa eeruun Anaadooluu Niiwus akka gabaasetti,  qondaaltonni Turkiyaa Sabtii har’aa dhimma dhabamuu gaazexeessaa kanaa qorannoo kan jalqaban tahuu gabaase. Qonsilaan Sa’uudi Istaanbul keessatti argamu agama isatiin, Jamaal Kashoggi eessaa fi maal irra akka jiru beekuuf qondaaltota Turkiyaa waliin hojjataa jirra jechuun gama Twitteriitiin beeksise.

 

Gaazexeessaa beekkamaan lammii Sa’uudi Jamaal  Kashoggi  Salaasa dabre qonsilaa Sa’uudi Istaanbul jiru hujiidhaaf eega seeneen booda achi buuteen isaa dhabame. Mr Jamaal gaazexeessaa fi falmaa mirga namoomaa mootummaa Sa’uudi qeequun beekamu yoo tahu, mootummaan Sa’uudi Ulamaa’ota badii tokko malee hidhe gad lakkisuu qaba jechuun mormaa ture.

 

Dubbii himaan Paartii Turkiyaa bulchaa jiru AK Party Mr Umer Salik galgala kana ibsa kenneen ammoo, dhabamuu Jamal Koshoggiitiif qaama itti gaafatamu dhiheenyatti ifa ni goona jechuun dubbate.

 

Mr Jamaal Kashoggi Ameerikaa keessa kan jiraatu yoo tahu, Gaazexaa Washington Post irra hojjata. Gaazexeessitoonni Turkiyaa fi gamtaan Gaazexeessitoota Arabaa Jum’aa kaleessaa qonsilaa Sa’uudi Istaanbul jiru fuulduratti suuraa Jamaal qabachuun mormii kan dhageessisan tahuun beekameera.

Jamaal Kashoggi

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button