header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Malik Salmaan Amiira Qaxar wal gahii gamtaa biyyoota galoo galaana Arabiyaa  irratti akka argamu affeere

Wal gahiin gamtaa biyyoota galoo galaana Arabiyaa (GCC) bara kanaa December 9, 2018 Sa’uudii magaalaa Riyaad keessatti kan geggeefamu yoo tahu,  Amiirri Qaxar Sheik Tamiim Bin Hammaad Al-Sanii walgahii kana irratti akka argamuuf,  xalayaan affeerraa Malik Salmaan Bin Abdulaziiz irraa kan ergameef tahuu ejensiin Odeeyfannoo Qaxar gabaase.

 

Affeerraan kun Qaxar guyyaa kaleessaa Ji’a dhufu irraa jalqabee dhaabbata biyyoota boba’aa omishanii (OPEC) jedhamuun beekamuu keessaa kan baatu tahuu eega ibsiteen booda kan dhihaate yoo tahu, dhiibbaan dhaabbatichi gabaa addunyaa irratti godhu hir’atuu mala shakkiin jedhu Sa’uudii kan yaachise tahuu gabaafame. Qaxar affeerraa Sa’uudii kanaaf hanga ammaatti deebisaan kennite hin jiru.

 

Biyyoota miseensa GCC  jidduu Sa’uudi, Bahreeyin fi Emreets biyya miseensa gamtichaa hin tahin Masri waliin tahuun,  June 2017 irraa eeggalee Qaxar irra uggura galaanaa, lafoo fi qilleensaa kaahuun isaanii ni yaadatama. Kuweeyti wal dhabdee miseensota gamtichaa jiddutti uumame kana furuudhaaf carraaqqii cimaa gootus hin milkoofne. Wal gahii gamtichaa bara dabre Kuweeyti keessatti geggeefame irratti Amiirri Qaxar  kan argame tahus, Sa’uudii, Bahreeyni fi Emreets qondaaltota sadarkaa gad aanaatiin wal gahicha irratti hirmaatanii turan.

 

Biyyoonni jahan miseensa Gamtaa Biyyoota Galoo Galaana Arabiyaa tahan Sa’uudii, Emreets, Bahreeyn, Kuweeyt, Qaxar fi Omaan.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button