header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Ministeerri haajaa alaa Dr. Warqineh Gabayyoo gara Khaartuum imaluun prezdaant Umar Al-Bashiir waliin mari’ate

Ministeerri haajaa alaa Dr. Warqineh Gabayyoo Isniina har’aa gara Suudaan imaluun prezdaant Umar Al-Bashiir fi ministeera haajaa alaa biyyattii Dr. Al-Dirdiri Muhammad waliin kan mari’ate tahuu gabaafame. Ibsi waajjira ministeera haajaa alaa Ityoophiyaa irraa bahe akka mul’isutti, Dr. Warqineh Gabayyoo dhaamsa muummicha ministeeraa Dr. Abiy Ahmad irraa ergame prezdaant Umar Al-Bashiiritti kan geesse yoo tahuu, Ityoophiyaan dhimmoota nageenyaa fi diinagdee irratti biyyoota ollaa waliin hojjachuudhaaf kutannoo qabdu hoggantoota Suudaaniitiif ibsee jira. Haa ta’u malee dhaamsi muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad prezdaant Al-Bashiiriif erge maal akka tahe hin ibsamne.

 

Gama biraatiin ammoo lammiileen Suudaan mormiin mootummaa biyyattii irratti torbee tokko dura jalqaban ammas akkuma itti fufetti jira. Haaluma kanaan Isniina har’aa miseensonni waldaalee ogummaa gara garaa dhaadannoo “mootummaan haa bu’u”jedhu dhageessisaa gara masaraa mootummaa imaluuf kan yaalan yoo tahu, humnootni tika biyyattii mormitoota irratti kan dhukaasan tahuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button