header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

 UPDATE: Dhaabbatni daandii qilleensa Ityoophiyaa dhimma Xiyyaara Indoneezhiyaa keessatti qabamee irratti  ibsa kenne.

Dhaabbatichi akka jedhetti, xiyyaarri daangaa qilleensa Indoneezhiyaa keessatti qabame, injiina hatattamaan suphamuu qabu fe’atee gara Hong Kong kan imalaa ture tahuu ibsuun, karooraan ala imala hatattamaa tahuu beeksise. Imala hatattamaatiin ammoo, Xiyyaarri biyya tokkoo qillensa biyya michuu isii taate kan biroo gubbaa osoo hin beeksisin ol fagaatee imaluun seera Aviyeeshiinii addunyaa irra kan jiru tahuu ibse.

Haaluma kanaan dhaabbatni daandii qilleensa Ityoophiyaa qondaaltota Indoneezhiyaa waliin haasayuun dhimmichi furmaata kan argate akka taheefi, hojjattoonni xiyyaarichaa achuma Indoneezhiyaa keessatti boqonnaa barbaachisu eega fudhatanii booda, imala isaanii kan itti fufan tahuu ibsi dhaabbaticha irraa bahe ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button