header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

BREAKING NEWS: Obbo Barakat Sim’oon fi obbo Taaddasa Kaasaa too’annaa jala ooluun gabaafame

Qondaaltota ol’aanoo mootummaa Federaalaa fi miseensota paartii ANDM duraanii kan tahan Obbo Barakat Sim’oon fi Obbo Taaddasa Kaasaa  magaalaa Finfinnee keessatti kan qabaman tahuu gabaafame. Ganama har’aa mannii Obbo Barakat Sim’oon Finfinnee naannawa Imbaasii Jaappaanitti argamu loltoota makkalaakayaatiin marfamee eega sakatta’amee booda, loltoonni Obbo Barakat Sim’oon qabanii kan deeman tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Haaluma wal fakkaatuun Obbo Taaddasa Kaasaatis Finfinnee mana isaa keessaa kan qabame tahuu gabaafame. Qondaaltonni lamaan malaamaltummaa Kubbaaniyaa “Xirat”jedhamu irratti raawwatameen shakkamanii kan qabaman tahuus odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button