header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

“‹”‹Filannoo Prezdaantummaa Naayijeriyaa Sabtii dabre geggeeffameen Prezdaant Muhammaduu Buhaarii injifatuu gabaafame

Kaadhimamtoota prezdaantummaaf dhihaatan  jidduu itti aanaan prezdaantii duraanii Mr Atiku Abubakar prezdaant Muhammaaduu Buhaariif morkataa cimaa ni ta’a jedhamee tilmaame ture.  Haata’uu malee Komishiiniin Filannoo biyyattii bu’aa filannoo prezdaantummaa February 23/2019 geggefamee ganama har’aa kan ibse yoo tahu, filannichi Injifannoo Prezdaant Buhaariitiin kan xumurame tahuun beeksise.

 

Bulchiinsa magaalaa Abuujaa dabalatee naannolee biyyattii 36 jidduu Prezdaant Buhaariin naannolee 19 keessatti sagalee caalmaa kan argate yoo tahu, walumaa galatti saglee ummataa 15,191,847 argatuun injifate. Morkataan cimaan prezdaantichaa Mr Atiku Abubakar ammoo sagalee 11,262,978 kan argate tahuu gabaafame.

 

Hogganaan komishiinii filannoo biyyattii Mahmuud Yakubu ibsa kenneen, “Prezdaant Muhammaduu Buhaarii kaadhimatoota dhihaatan jidduu sagalee calmaa tahe argatuun, akkasumas prezdaantii tahuuf lakkoofsa seera irratti kaahame wanta guuteef Prezdaantii tahee filamuu isaa labsamee jira”jedhe.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button