header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Xiyyaaronni waraana Israa’el Gaazaa keessatti haleellaa raawwatuu gabaafame

Waraanni Israa’el ibsa baaseen akka jedhetti, Alhada har’aa mormii Falasxiinotaa gareen Hamaas daangaa Gaazaa fi Israa’el irratti qindeesse hordofuun, xiyyaaronni waraana Israa’el Gaazaa keessatti iddoo lama rukutuu beeksise. Haleellaa kanaan kaampiin baqattootaa Al-Awda jedhamuu fi buufatni loltoota Hamaas Kibba Gazzaatti argamu kan rukutame tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Haleellaa kana ilaalchisee qondaaltota Falasxiin irraa hanga ammaatti ibsi kenname hin jiru. Haata’u malee dargaggoon lammii Falasxiin guyyaa kaleessaa biflee waraana Israa’eliin rukutame tokko Alhada har’aa kan du’e tahuu ministeerri Fayyaa Falasxiin beeksise. Haaluma wal fakkaatuun, Jum’aa dheengaddaatis loltoonni Israa’el Falasxiinota harkaa qullaa hiriira bahan irratti dhukaasuun, dargaggoota lama kan ajjeessan tahuu gabaasichi ni addeessa.

 

Odeeyfannoo wal qabateen, Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti manni mare mirga namoomaa wixinee seeraa, ajjeechaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwataa jirtu balaaleffatu raggaasisee jira. Manni marichaa wixinee kana irratti, “Israa’el ajjeechaa gar jabeenyaa fi seeraan ala Falasxiinota irratti raawwataa jirtu kanaan itti gaafatamummaa jalaa bahuu hin dandeettu”jedhe.

 

Komishiiniin Ogeeyyota UN ji’a dabre keessa ibsa baaseen, Israa’el Falasxiinota irratti yakka waraanaa fi yakkoota dhala namaa raawwataa jirti jechuun isaa ni yaadatama. Kanuma hordofuun gamtaan biyyoota Islaamaa wixinee ammaa kana gama Paakistaaniin mana marichaatiif kan dhiheesse tahuun beekamee jira.

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button