Hoomaan awwaannisaa Godinoota Oromiyaa gama Kibbaa fi Kibba Bahaa keessatti muudate miidhaa hamaa dhaqqabsiisaa jiraatuu ibsame
Hoomaan awwaannisaa kun Godinoootaa Baalee, Arsii Lixaa, Gujii, Gujii Lixaa fi Boorana keessatti kan babal’ate yoo tahu, biqiltuu lafa heektaara kuma hedduu kan barbaddeessaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Homaan awwaannisaa kun naannoo kibbaa Godinoota Sidaamaa fi Geedi’oo keessattis kan muldhatee ture tahus, duula bulchiinsi godinoota lamaanii geggeessaniin gara Godinoota Oromiyaatti kan goodaane tahuu ibsame. Haaluma kanaan aanaalee Oromiyaa ollaa Siidaamaa kanneen akka Warqaa, Kokkosaa fi Bosona Harannaa keessatti miidhaa guddaa dhaqqabsiisaa jira.
Biiroon Qonnaa Oromiyaa akka jedhutti ammoo, hoomaa awwaannisaa kana too’achuuf bifaa aadaatiin fi hammayyaatiin hojiin bal’aan hawaasa hirmaachisuun hojjatamaa jira. Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatti daayrektarri eeggumsa biqiltuu obbo Dajanee Hirphaa “Hammi hoomaa awaannisa godinoota kanneen keessatti mul’atee akka malee baay’ataa akka jiruu fi gara aanolee biroottis babalidhataa waan jiruuf qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan hojjataa jirra”jedhe.
Biiroon Qonna Oromiyaa itti dabaluudhaanis, hoomaan awaannisaa kun aanaalee fi godinaalee birootti akka hin babal’anneef, hawaasni bifa aadaatiin ofirraa ittisuuf dammaqinaan eeguu qaba jechuun akeekkachiise. Kunis naannoo hoomaan awwaannisaa mul’atetti aara itti aarsuu fi sagalee guddisanii dhageessisuun naannicha irra baqachiisuun kan danda’amu tahuu ibsame.
Homaan awwaannisaa kun jalqaba naannolee Tigraay, Affaar, Amaaraa, Somaalee fi Oromiyaa gama Bahaa keessattis miidhaa kan dhaqabsiise tahuun ni yaadatama.
Gamtaan Mootummoota Afrikaa Bahaa akka jedhutti ammoo, homaan Awwaannisaa waggoota 25 dabran keessatti isa hamaa tahe kun, yeroo ammaa Ityoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa, Jibuutii fi Eeritraa keessatti kan babal’ate akka tahee fi ammas gara Suudaan Kibbaa fi Ugaandaatti babal’achuu mala jechuun akeekkachiise. Dhaabbanni Qonnaa fi Nyaata Addunyaa FAO’n gama isaatiin, hoomaan awwaannisaa Baha Afrikaa keessatti babal’ate midhaanii fi biqiltuu lafa heektaara kuma dhibbaan lakkaahamu barbadeessaa jira jedhe. FAO’n itti dabaluudhanis, weerarri awwaannisaa rakkoo beelaa naannicha keessa ture daranuu hammeessaa jiraachuu beeksie.