Majliisni seeraan alaa kora koreen jijjiirama dhaabbiilee hawaasa muslimaa qopheesse gufachiisuuf socho’aa jiraatuun beekame
Prezdaantiin mana marii dhimmoota Islaamaa Sheikh Muhammad Amiin Jamal aangoo lakkisuuf xalayaan kan galfate tahuu Addis TV’n gaabse. Sheik Muhammad Amiin sababaan xalayicha irratti taayitaa gadi lakisuuf dhiheeffate rakkoo fayyaa tahuu ibsame. Akka gabaasa kanaatti manni marichaa wal gahii taa’een qaamni majliisa hogganuuf qophaaye yoo jiraate, taayitaa hunda dabarsinee kennuuf qophiidha jechuun hime.
Haata’u malee ibsi hoggantooni Majliisa seeraan alaa baasan kun aangoo Sheikh Muhammad Amiin irraa gara nama birootti dabarsuudhaaf shira xaxaa jiran tahuu madden nuuf gabaasan. Haaluma kanaan manni marii dhimmoota Islaamaa magaalaa Finfinnee fi gareen tokkummaa hawaasa muslimaa diiguuf socho’aa jiru, korri guyyaa lama booda yaadame osoo hin geggeeffamin aangoo majliisaa kana fudhachuuf kan socho’aa jiran tahuu odeeyfannoon arganne ni ibsa.
lak kesaan esaan argadhaa
sabontuy
kun gonkuma isaan hin basuu.
Mala baasanii bahuun hin jirtu.
Mamad Amiiin Jamaal itti gaafatama jalaa bahuu hin danda’u.
waarotaa shiraa hin taanee xaxaan raabiin hin milkesiin