header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasiin Koroonaa irratti argame 21 gahuu ibsame

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa Dr.Liiyaa Taaddasa akka ibsitetti, guyyaa kaleessaa fi har’aa qorannoo shakkamtoota irratti godhameen Vayirasichi namoota shan irratti argame. Namoota guyyaa hardhaa Vayirasiin Koroonaa irratti argame jidduu lama jiraattota magaalaa Adaamaa yoo tahan, mucaa waggaa 14 fi dubartii waggaa 48 tahuun beekamee jira. Jiraattonni magaalaa Adaamaa lamaan kanaan dura nama Vayirasichaan qabame waliin wal qunnamtii kan qaban tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Namni saddaffaa ammoo dubartii lammii Ityoophiyaa waggaa 26 dhiheenya kana Beljiyeem irraa deebite tahuu ibsame. Haaluma walfakkaatuun namoonni lama ammoo jiraattota magaalaa Finfinnee yeroo gara garaa Dubaay irraa deebi’an tahuu ibsi Ministeera Fayyaa ni addeessa.

Kanuma hordofuun magaalaa Adaamaatti tajaajilli traanspoortii taaksii magaalaa keessaa, Alhada har’aa irraa eegalee guutumatti kan addaan cite tahuu Biiroon Dhimmoota Kominikeeshiinii Naannoo Oromiyaa beeksise.

Haaluma walfakkaatuun Bulchiinsi magaalaa Asallaa weerara vayrasii Koroonaa ittisuuf sochiin traanspoortii magaalaa keessaa akka dhaabbatu kan murteesse tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button