header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Chaayinaa muslimoota  mana hidhaa keessatti  Kamrii akka dhuganii fi Foon Booyyee akka nyaatan dirqisiisaa jira

Mootummaan Chaayinaa maqaa “leenjii haaromsaa”jedhuun muslimoota miiliyoona tokkoo ol tahan manneen hidhaa keessatti  dararaa kan jiru tahuu, Gaazexaan Independent gabaase. Gameessa waggaa 42 kan tahe lammiin Kazakistaan  Umar Bakali Chaayinaa kutaa Zinjiyang keessatti ji’a torbaaf kan hidhame yoo tahu, gaafii fi deebisaa Associated Press waliin godheen Chaayinaan muslimootaaf ” leenjii haaromsaa”maqaa jedhuun, Kamrii akka dhugan fi Foon Booyyee akka nyaatan kan dirqisiiftu tahuu hime.

Mr Umar akka jedhetti, muslimoonni manneen hidhaa kana keessatti amantii fi eenyummaa isaanii akka jibbanii fi barnootni Sirna Kominiizimii addatti kan isaanii kennamu tahuu hime. Namoota leenjii kana fudhachuu didan ammoo dararaa hamaatu isaan  irratti raawwatama jedhe.

Mootummaan Chaayinaa yeroo dhihoo asitti muslimoota biyyattii irratti Cunqursaa hammeessaa jira. Bara dabre keessa Daa’imman Muslimaa Qur’aana akka hin qaarane jechuun qajeelfama kan baase tahuun ni yaadatama. Cunqursaan mootummaa Chaayinaa kun Muslimoota Wiigar kan kutaa biyyatti Zinjiyang keessa jiraatan irratti kan hammaatu tahuu gabaasni kun ni ibsa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button