header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatiin qabamanii miiliyoona 40 dabre

Vaayrasiin koroonaa Chaayinaa magaalaa Wuhaan keessaatti ji’a sagal dura mul’ate, guutuu addunyaa keessa tamsa’uun hanga ammatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyoonni 40 ol dabruu ibsame.

Namoonni miiliyoonni 1 fi kuma 100 fi kuma15 ol ammoo sababa vaayirasii kanaatiin lubbuu isaanii dhabanii jiru.

Gama biraatiin ammoo hanga ammaati namoonni miiliyoonni 29 ol dhibee kana irraa dandamataniiru.

Yeroo ammaa Ameerikaa, Indiyaa fi Biraaziil walduraa duubaan biyyoota nammoonni heddu keessatti vaayirasichaan hubaman yoo ta’an; Ameerikaatti namoonni miiliyoona 8.3 ol vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kuma 200 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Indiyatti ammoo namoonni miiliyoonni 7.4 ol vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma 100 ol sababa vaayirasii kanaatiin darbee jira.

Biraaziilittis namoonni miiliyoonni 5.2 ol vaayrasii koroonatin yoo qabaman, namoonni kuma 1000 ol du’aniiru.

Ardii Afrikaa keessatti ammoo lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyoonni 1.6 ol akka dabreefi, lammiilee Afrikaa kumni 39 ol sababa vaayirasii kanaatiin du’uu gabaafame.

Akka gabaasa ministeera fayyaatti Ityoophiyaa keessatti yeroo ammaa namoonni 88,434 covid-19 qabamuu kan mirkanaaye yoo tahu, namoonni 1, 346 sababa vaayirasichaatiin du’anii jiru.

Comment

Back to top button