header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaatti ji’oota ja’an dabran keessa balaa  Makinaan lubbuu Nama 1,849 dabre

Daarektoreetii to’annoo yakkaa Komishiinii Poolisii Federaalaatti, dameen balaa tiraafikaa fi raaga haala tiraafikaa kennu kaleessa feesbuukissaarrtti ibsa baaseen, Adoolessa 1, 2012 irraa eegalee hanga Muddee 1, bara 2013tti qofa namoonni 1,849 balaa tiraafikaan du’aniiru jedhe.

Akka gabaasa Komishiiniichatti namoota lubbuun iasaanii balaa tiraafikaan darbeen alatti namoonni 2,646 ta’an miidhaa cimaan, namoota 2,565 irra ammoo miidhaa salphaan dhaqqabee jira.

Kana malees sababa balaa tiraafikaan qabeenyarra balaa ga’een qabeenyi maallaqa birrii 495,240,47 tilmaamamu manca’eera.

Balaa tiraafikaa ji’oota ja’an darban keessa biyyattii keessatti mudate keessaa 15,844 magaalaa Finfinnee keessatti yoo ta’u, balaa kanaan namoonni 192 du’aniiru, 846 garmalee miidhamaniiru, 512 irra ammoo miidhaa salphaan ga’u gabaasni Komishiiniichaa ni mul’isa.

Kominishinichi balaa tiraafikaa suukanneessaa lubbuu nama hedduu galaafate kanaaf sababa kan jedhe, inni duraa naamusa Shufeerootaatti.

 Shufeeroonni lubbuu namaaf yaaduu dhabuu, hanqina dandeettii Shufeerootaa, rakkoo dandeettii teeknikaa Makinaan walqabatuufi rakkoo daandiis, akka sababaatti ka’e.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button