header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni Murtii Federaalaa himannaa Prezdaantii naannoo Somaalee duraanii irratti baname ilaalchisee yaada mormii himatamaan dhiheeffate kuffise

Prezdaantiin Naannoo Somaalee duraanii obbo Abdii Muhammad Umar, himannaa yakkaa isarratti baname ilaalchisee yaada mormii har’a dhiheeffateen  “naannicha haala gaariin hoogganuun ala yakka hin hojjanne, yakkamaas miti”jedhe.  Dabalataanis namoonni Obbo Abdii Umar waliin  too’annoo seeraa jala jiran haqni isaanii dabsamaa jira jechuun,  abukaatonni himatamtootaa  mana murtichaatiif kan dhiheessan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Haata’u malee manni murtii Federaalaa himannaan Obbo Abdii Muhammad Umar irratti baname ragaalee heddu waliin kan dhihaate tahuu ibsuun, yaadni mormii himatamaan dhiheeffate fudhatama hin qabu jedhe.

 

Gama biraatiin ammoo galmee himannaa obbo Abdii Muhammad Umar keessatti  kanneen himataman jidduu,  himatamtoonni 7 kanneen hanga har’aatti too’annoo jala hin oolfamin gaazeexaan waamichi godhameefi,  bu’aan isaa Sadaasa 22, 2012 akka dhihaatu dhaddachi mana murtichaa  ajaja dabarsee jira.

 

Obbo Abdii Muhammad Umar walitti bu’iinsa Adoolessa bara 2010 naannichatti uumamee ture hordofuun too’annoo jala ooluun isaa ni yaadatama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button