header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Baankiin Hijraa Damee isaa kan magaalaa Dirree Dhawaa eebbisise

Baankiiwwaan Islaamaa tajaajila sirna Faayinaansii dhala irraa walaba ta’e Keennuuf biyyatti keessatti hundeeffamaa jiran jidduu, ji’oota muraasa dura hojii jalqabuu kan beeksisee ture, Baankiin Hijraa damee isaa kan magaalaa Dirree Dhawaa guyyaa har’aa January 1,2022 eebbisise.


Sirna eebba baankiichaa guyyaa har’aa geggeeffame irratti ulamoonni, Ustazoonni, akkasumas hundeessitoonni baankiichaa fi  keessummoonni birootis argamuun qooda fudhatanii jiru.


Sagantaa eebbaa kanarratti kan argame Prezdaantiin Baankiichaa obbo Daawwit Qannoo, baankiichi fulduraaf magaalattii keessatti dameewwan dabalataa banuuf kan karoora qabu tahuu ibse.

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button