Rakkoo lammiileen keenya kan Sa’ud Arabiyatti hidhaman keessa jiran gabaabinaan


Sa’uudii keessatti Lammileen Itoophiyaa lakkoofsaan 100,000 ol tahan, waggaa lamaa oliif mana hidhaa garagaraa keessatti dararamaa jiraachuun ni beekama. Lammileen kunniin guyyaa hidhaman irraa kaasee, rakkoo fayyaa, hir’ina nyaataa fi rakkoowwan biroo hedduuf saaxialamanii rakkachaa jiru. Sababaan hidhamaniif ammoo waraqaa hayyama jireenyaa qabachuu dhabuu jedhamus, lammileen hayyama jireenyaa guutuu qaban hedduunis kan hidhaman tahuu hidhamtoonni himu.
Hidhamtoota kanneen jidduu dubartoonni, daa’immanii fi maanguddoonni akkasumas dargaggoonni kan argaman yoo ta’u, iddoowwan itti hidhamaniitti hedduun isaanii dhukkubsatanii jiru. akkasuma sababaa dararaa isaan irra gahuutiif kan lubbuu dhabanis jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.



Lammileen kunniin rakkoo haala qilleensa hamaa, beela, dhukkubaa fi reebichaan kan miidhamaa jiran yoo tahu, hidhamtoonni lubbuu dhabanis Awwaalcha dhabuun janaazaan isaanii hidhamtoota wajjiin mana hidhaa keessa kan tursiifamaaa jiru tahuunis beekamee jira. Mana hidhaa rakkoon itti hammaate keessaa Xaariq Al Karjiin tokko yoo ta’u, hir’ina wal’aansaatii fi rakkoo xiinsammuu irraa kan ka’e hidhamtoonni lubbuu dhabaa jiraatuu himu. Hidhamtoonni kunniin “Osoo Lubbuun Jirruu Nuu Birmadhaa” jechuun waamicha lammummaa fi sabummaa Ummata Itoophiyaa fi mootummaa Itoophiyaatiif dhiheessanii jiru.



Rakkooleen hidhamtoonni kunniin ittiin dararaamaa jiran dhukkuba daddaarbaa kanneen akka TB, qaama shifiniinessuu, uffataafi nyaata gahaa dhabuu, akkasuma bakka ciisichaaf mijataa ta’e dhabuun rakkoo hamtuu keessummeessaa jiraachuu himatu. Hidhamtoonni kunniin waggaa tokkoo oliif uffanni qaama isaanii irraa dhumuun peestaala balfi ittiin gatamuun qaama isaanii haguuganii jiraataa jiru. Manneen hidhaa dararaan itti hammaatu kanneen akka Jizaan, Riyaad, Jidda, Xariq Al-Karjii, Shumeeysii, Taa’ir, Haayir fi kanneen biroo yoo ta’an, tilmaamaan lammiileen Itoophiyaa 100, 000 oltu manneen hidhaa kanneen keessatti dararamaa jira.


Guyyoota lamaan dabran kana keessa manneen hidhaa keessatti sababa dhukkubaa fi rakkoo qor-qalbiitiin hidhamtoonni lubbuu dhaban kan jiran tahuunis himameera. Rakkoo lammiileen Itoophiyaa manneen hidhaa Sa’uud Arabiyaa keessatti dabarsaa jiran kana hordofee, Abbootii Amantii fi aktiivistoonni miidiyaa hawaasummaa, “Dhimmi Lammiilee Keenyaa Furmaata Argachuu Qaba!” jechuun dhiibbaa godhaa jiru.



Hidhamtoonni kunniinis; maatiin keenya kan biyya keessa jiran mootummaan Itoophiyaa akka gara biyyaa nu galchuuf dhiibbaa godhuu qabu jechuun gaafataa jiru. Mootummaan Itoophiyaa jila abbootii amantaa fi qondaaltota Mootummaa irraa tahe; dhimma hidhamtoota kanaa furuuf torban lama dura gara Sa’uudii kan erge yoo ta’u, jilli kun qondaaltota Mootummaa Sa’uudii dhimmi ilaallatu waliin marii geggeessuun alatti maal irra akka gahan wanti ibsame hin jiru.

Rabbiin Subhaanahuu wata’aalaa, rakkoo hamtuu lammiileen keenya keessa jiran kana akka furu kadhanna! Dandeettii isaatiin lammiilee keenya kan hidhaan dararamutti jiran hunda hidhaarraa nuuf baasee, nagayaan gara biyya isaanii akka isaan galchu isatti woywaanna.


 

Comments
Loading...