header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen Jiijjirama dhaabbiilee hawaasa muslimaa irratti hojjataa jiru ibsa kan kennu tahuu beeksise

Koreen miseensota sagal qabu kan dhimmoota hawaasa muslimaa irratti qorannoo geggeessuuf hundaaye,  haala adeemsa hujii hanga ammaa ture irratti Khamiisa boruu miidiyaaleef ibsa kan kennnu tahuu beeksise. Koreen  kun muummicha ministeeraatiin hundaayee hujii kan jalqabe yoo tahu, Dr Abiy Ahmad hundeeffama koree kanaa irratti,  hujii koreen kun hojjatu irratti mootummaan deeggarsa barbaachisaa tahe hunda kan kennu tahuu beeksisee ture.

 

Haa ta’u malee mootummaan waada gale kana hujitti hiikuu dhiisuu qofa osoo hin taane, rakkoolee koree kana muudataa turan furuudhaaf fedhii dhabuun, akkasamus Koree kanaaf beekkamtii seeraa tokkoollee kennuu dhabuun,  hawaasa muslimaa jalqaba irratti abdii itti horee deebisee mufachiisee jira.

 

Hawaasni muslimaa haala adeemsa koree kanaa hanga ammaatti jiru fi rakkoo isa muudate hunda ifatti dhagahuudhaaf koreen ibsa gahaa tahe akka kennu gaafataa turuun ni beekkama. Haaluma kanaan Koreenis torbee tokko dura Gurraan dhala 7/2011tti ummataaf ibsa kan kennu tahuu beeksisee ture.

 

Kanuma hordofuun muummichi ministeeraa ganama har’aa miseensota koree sagalan wal gahii ariifachiisaa tasa kan yaame yoo tahu, Dr Abiy Ahmad, Obbo Dammaqe Makonnin fi Aadde Mufariyaat Kaamil koree waliin kan mari’atan tahuun beekamee jira. Qabiyyeen marii kanaa maal akka tahe guyyaa boruu ifa kan godhu tahuu ibsi koree kana irraa bahe ni addeessa. Ibsichi Khamisa boruu sa’aa 4:30tti Hoteela Ummaatti miidiyaaleef kan kennamu tahuu ibsame.

 

3 Comments

  1. masha Tabaarakallhaa baay’ee namati tolaa💯✅ haali hoji keessani jabaadha raabbiin isin haa gargaruu🤲

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button