header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Re’ee bosonaa kan hallayyaa hin sodaanne

Uumamni kun ijaarsa qaamaatiin gadamsa biyya teenyaatiin wal fakkaataadha. Uumamni gadamsa fakkaatu kun, wanta ajaa’ibaa Rabbiin isa badhaase qaba. Maqaan uumama kanaa Maarkoor jedhamuun beekkama. Sanyiiwwan re’ee daggalaa jedhaman keessaa isa tokko. Sanyiin uumama kanaa sadi akka jirus beekkamee jira. Dheerinaa fi ulfaatinni Maarkoor haala sanyiitiin garaagarummaa qaba. Inni xiqqaan qoffeerraa kaasee haga eegee isaatti meetira 1.3 kan dheeratu yoo ta’u, lafaa ol qeensa qubaatii haga ceekuu kan jiru ammoo seentimeetira 65 ta’a. Ulfaatinni isaa haga kilograama 40 ti.  Inni dheeraan ammoo dagaletti meetira 1.8 dheerata. Lafaa ol haga meetira 1 dheeratuu danda’a.  Ulfatinni isaatis kilograama 100 ol ta’a. Guddinaa fi ulfaatinni kormaa fi dhaltuu kan walitti dhihaatu ta’us, kormaan hamma murtaa’eenis taatu dhaltuu ni caala.

 

Rifeensi gogaa Maarkoor uwwisee argamu bifa magaala, gurraachaa fi adii kan qabu yoo ta’u, bifti kormaa keessa addaata.  Kan dhaltuu ammoo gara daalachaa dhihaata. Rifeensi isaanii kun wayta qabbanti hammaatu heddummaatee tuuchaan biqila. Akkasumas ni dheerata.  Wayta qabbanti badee qilleensi oowwaan dhufu ammoo rifeensi isaa ni haphata. Mormi bineensa kanaa akkuma morma re’ee dheeraadha. Akkasuma areeda dheeraas ni qaba. Gaafni isaa ammoo haalaan dheeraafi akka spriingii maramaadha. Gaafni dheeraan qorattootaan galmeeffame Meetira 1.6 dheerata. Kunis hojjaa namaatti ni dhihaata jechuudha. Kan dhaltuu garuu seentimeera 25 qofa dheerata. Gaafni bineensa kanaa irra hedduun isaa gara samii ol qajeelee mammaramee biqila. Maqaa isaa maarkor jedhamu kanas gaafuma kanarraa argate. Afaan Faarsiitiin maarkoor jechuun bofa jechuudha. Bofni ammoo hedduminaan mammaramuu isaatiin beekkama.

Bineensi kun bosona haphii muka heddu hin qabneefi, dirree marga tuuchaa qabu filata. Uumamni kun irra jireessatti marga dheedaa jiraata. Yoo bonni seenee margi lafarraa goggoguu eegale ammoo, miilaan lafa dhaabbatee, harkaan ammoo mukatti ol rarra’ee baala soorata. Uumamni kun saa’aa dheeraa marga dheedaa oola. Sa’aa muraasa ammoo ciisee alala dhaya. Wayta ciisee alala dhayu kana gororri afaan isaa keessaa yaa’u dawoomaaf tajaajila. Namoonni naanoo bineensi kun jiru qubatan, jiidha afaan isaa keessaa bahu kana akka dawaa aadaatti itti fayyadamu. Keessumattuu nama bofaafi bineensa summii qabuun hiddameef, gororri isaa kun akkaan barbaadama.

Kormaan maarkoor kopha kophaa qubsuma isaa keessa jiraata. Dhaltuun garuu gamtaa haga miseensa 9 qabu hundeessuun waliin jiraatu. Kormaan hedduminaan naannoo mukkeeniin uwwifame keessa jiraatuu filata. Dhaltuun garuu naannoo lafa ol ka’aa fi dhagaadhaan guutame keessa jiraatan. Wayta wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu fedhanitti, kormaawwan bakka garagaraa irraa gara qubsuma dhaltuu deemu. Kana booda ol aantummaa argachuudhaaf waldhaansoo jalqabu. Haga inni tokko  dadhabee lafa dhahutti gaafa isaanii walitti diruun wal lolu. Kana booda inni moohate mirga wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu argata. Rimayni dhaltuu ji’a shaniifi walakkaaf tura. Yeroo takkaanis ilmoo takka qofatu dhalata. Yeroo garii lakkuunis ni dhalata. Ilmooleen haarawa dhalatan haga gaafa ji’a jaha guutanitti muchuma haadhaa hodhaa jiraatu. Gaafa ji’a jaha guutan marga dheeduu eegalu.

Maarkoor diina jalaa miliquuf mala garagaraa fayyadama. Dhaltuuwwan saffisa waan hin qabneef, gaara dhagaa heddummaaturra qubatan. Ajaa’ibni uumama kanaa guddaan bakka kana jira. Bineensi kun gaara dhagaa heddummaatu kan hallayyaa gubbaa jiru keessa fiiguu danda’a. Gaara hanga fedhe dheeratu, hallayyaa haga fedhe guddatus hin sodaatu. As gubbaa mucucaadhee lafa dhaya jedheetis hin shakku. Cinqaa takka malee akka waan lafarra fiigaa jiruutti hallayyaa gubbaa fiiguu danda’a. diinni isa adamsuuf dhufu hundi akkaataa isaa kana laalee ajaa’ibsiifachuu malee, kan hallayyaa san keessatti isatti dhihaatu hin jiru. Kormaan garuu saffisa waan qabuuf akkasumas humnaanis diina isaa jalaa bahuu waan danda’uuf, naannoo mukkeenii keessa jiraata. Yoo diinni itti dhufe utaalee muka kora. Garuu yoo diinni muka koru itti dhufe, carraan qabu haga danda’een dheessee bahuu qofa. Bineensi maarkoor jedhamu kun hayyama Rabbiitiin avreejiidhaan haga waggaa 13 jiraata.

Gama birootiin ilmi namaatis diina hamaa bineensa kanaati. Ilmi namaa foon isaatiif isa barbaada. Sababaa kanaaf bineensota rakkoo hamaa keessa jiran keessatti galmaayee jira. har’aan tana bineensi kun 2000 haga 4000 qofatu bosona keessatti argama. Biyoonni bineensi kun keessa qubatus, bara 2015 as kunuunsa jabaa godhaafii jiru.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button