header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

253: Anaa sabiyyii nama an hin beeyneef nikaha na godhe

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Anaa sabiyyii nama ani hin beeynee abbaan kiyya nikaha na godhan. Eegasii eega guddadhee nama sani ani hin feenee nama biraa jaaladhee nikaha godhachuu danda’aa?

 

Deebisaa: Nikaha irratti nikahaan hin godhamu. Nikaaha haaraya godhachuuf ka duraa ofirraa buusuu qabda. Ka abbaan kee osoo ati hin beeyne dirqiin si kenne sunis dirqama hin ta’u haga ati jaalattutti. Kanaafuu gara nama ati jaalattee si jala deebu’uu qaban. Yoo kan ati jaalatte nama diin hin qabne tahe malee. Dubri mirga qabdanii; nama isin jaalattan malee abbaan keessan dirqiin isin kennuu hin danda’u jechuun shari’aa Rabbiiti dhugaadha. Abbaallee ta’an dubra dirqiin kennuun hin jirtu. Garuu yoo intalti nama surree huddurraan buusee shari’aa Rabbirraa bahe, yookaa Ameerikaa dhufee yookaa horii qabaa yookaa gosa abaluuti jechaa qofaan dhufe, ka inni diinii hin qabne, kan salaata hin qabne yoo isiin jaalatte abbatu mirga qaba isii miti. Kanaafuu mirgi abaatiifi kan intalaatis guuttamuu qaba. Akkamitti jennaan, Shari’aan isaan lachuu ni araarsa. intalti nama diin qabu filachuu qabdi. abbaanis sanirratti isii gargaaruu qaba malee nama isiin hin feenetti isii dirquu hin qabu. Yeroo hedduu wanti nu mudate, intalti gariin hijaaba uffattee jennan abbaan hijaaba isii san irraa buusee nama diinii hin qabnee kennuu fedha. Yeroo garii intalti nama shari’aa Rabbii hin jaalanne jala deemtee abbaan hin taatu jedhee dhoowwa. Yeroo akkasii san mirgi isaan lachuu eeggamuu qaba jenna. Yeroon mirgi abbaa jabaatu yeroo intalti gurbaa diinii hin qabneen dhufte. yeroo san abbatu dhoowwuu danda’a. Yeroo intalti nama diinii qabuun dhufte ka abbaan didu ta’e intalatu mirga qaba.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 686

Kanas dubbisi!

271: Intala masaanuun haadha tiyyaa nama birootiif dhalte fuudhuu dandayaa?
238: Janaabaa osoo hin dhiqatin Salaatuun ni tahaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button