header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

722: Intalti an jaaladhee fuudhe Durbummaa hin qabdu. Akkam godha?

  • Home
  • Dubartii
  • 722: Intalti an jaaladhee fuudhe Durbummaa hin qabdu. Akkam godha?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Intala takka jaaladhee walii gallee fuudhe. Fuudhatti seenuun dura intala durbaatiin barbaada jedhee itti hime. Isiinis durbummaa narraa hin dhabdu naan jennaan anis fuudhatti seene. Halkan fuudhe san Durbummaa irraa dhabe akkam godhuu qaba?

 

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii; Intalti durbaa takka hogguu fuudhuu feetu isii laallachuun dirqama keeti. Kana jechuun waliin ciisuu osoo hin ta’in isii mormaa ol laallachuu dandeessa. San booda osoo fuudhatti hin seenin odeeffannoo gahaa irraa fudhachuu qabda. Eega isii irraa argattee booda, namoota naannoo isii ykn isiidhaan sirritti walitti dhiheenya qaban irraa qorachuu qabda. Bultiin sobaan yoo ijaaramte rakkinna jabaa hordofsiifti. Kanaaf halkan fuutee waadaa isiin siif seente san irraa dhabde sanirraa kaasee filannoon keeti. Feetu baasii sirna san ijaaruuf baafte gaafachuu; yoo feetes dhiifteefii geggeessuu mirga qabda. Maaliif?  jennaan si sobde waan taheef. Yoo dhiiftee obsitee waliin jiraattes rakkinna wahiituu hin qabu. Asirratti filannoo keetu murteessaadha.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Fitnaan gama Kanaan jiru kun kan jalqabaatii miti. Kan xumuraatis hin ta’u. Haga dhiiraa fi intalti wal keessa laaqamuun hin hafnetti rakkoon tun uumamuun isii hin oolamu.

 

Sheikh Islam ibn Taymayiyyah (Rabbi rahmata isaaf haa godhu) “Dhiilaa fi intalti walitti makamuun isaanii sababaa fitnaa keessaa isa ijoodha. Dhiiraa fi intala walitti makuu jechuun, ibiddaa fi qoraan walitti makuu jechuudha” jedhe.

 

Dhimma zinaatiin wal qabatee namni badii dalage badii kana dalage jedhee himatuu hin qabu. Waan danda’u hundaan of dhoksuun dirqama isaati. Waan balleessetti towbatee, Rabbii isaatti deebi’ee araarama kadhatuu qabaata. Haga wanti sun hawaasa keessatti hin beekaminitti waan kana namatti himuu hin qabu.

 

Dhimma dubrummaatiin wal qabatee sababaan garagaraa kennamuu danda’a. dubrummaan gariin sababuma sosochii qaamaa akka Ispoortiitiin baduu danda’a. Sababa dhiigni heydii humnaa ol yaa’uutiin dubrummaan baduu danda’a. sababa balaa akka tasaa mudateenis baduu danda’a. karaa zinaatiinis baduu danda’a. kana Rabbi qofatu beeka.

 

Kanaafuu namni sun duubee dubartii fuudhe sanii qoratuun mirga isaati. Intalti inni fuudhe sun intala amanamtuu fi hamtuun akkasii irraa hin beekamu yoo ta’e, tola ooleefii isii wajji itti fufuun mirga isaati.

 

Gama biraatiin namni sun dubartiin sun dubrummaa akka hin qabne yoo beeke, nikaya irraa buusuu danda’a. yoo barbaade mahrii fi mallaqa isiif kennes fudhatuu ni danda’a.

 

Shiekh Saalih Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 1542

Kanas dubbisi!

716: Dubartiin jaarsaan na hiiki yoo jetteen diliin isii maali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

3 Comments

  1. Mucaa Tokkoo Bayyen Jaladhan Turee Durbumachee Anatuu Iraa Fudhatee Kana Malees Biriis Bayyee Naf Kenitii Turtee Kanaa Malee Barumaa Jerenyachee Nawajin Asaqayamtetii Garuu Akkaa Carraa An Namaa Biraan Fudhee Ergan Fudhee Ji,aa 3 Bodee Ishees Nan Erumsisee Kan Daruun Dabarsinee Sun Gafisan Rabbikoo Sodadhee Akkamin Godhaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button