header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

720: Gabbarri hukmii shari’aatti akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii:  Ummanni keenna Aadaa godhatee Yeroo fuudhaa fi heerumni gahe Dubartii tanaaf Gabbara gaafatan. Yoo gabbara kana kaffaluu dhabee dide Hukmii shari’aatti maaltu narra jira?

 

 

Deebisaa: Yaa Jara keenna! Hukmii shari’aatii fi Aadaa wal keessa hin laaqinaa. Fuudhaa fi heerumni yeroo raawwatamu gabbara kaffali, waan Haadhaa fi Abbaa, Eessumaa, Adeeraa, Adaadaa, dabalatee kana fidii san fidii wanti jedhamu kun dogongora. Wanti guyyaa kana kennamu cufti maqaa intalaatin, maqaa mahriitiin kennamuu qaba. Guyyaa kana waan meeshaa, akkasuma ka uffata isii fidi yoo siin jedhan kun hukmii shari’aa keessatti waan wal rakkuu miti kafaluu dandeetta.

 

Guyyaa cidhaa kana keessatti immoo waan Rabbiin jibbu akka farsoo (khamrii) dabalatee waan haraama tahe yoo si ajajan irraa fagaadhu. Fuudhaa fi heeruma keessatti daangaa shari’aa darbuun sihii fuudhu qofa osoo hin taane warri intalaatis ilmoo isaanii gurgurachuu irraa of qusachuu qaban. Irra hedduun dubartoota teenyaa yoo dhageenyu warra keenyatu nu gurgurate jedhan. Jecha akkanaatis Rabbii keessan sodaadhaa irraa fagaadhaa. Muslimtittiin hin gurguramtu.

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 368

Kanas dubbisi!

722: Intalti an jaaladhee fuudhe Durbummaa hin qabdu. Akkam godha?
716: Dubartiin jaarsaan na hiiki yoo jetteen diliin isii maali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button