header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

724: Obboleessi Jaartii Tiyyaa Hedduu na Jibba. Akkam godhuu qaba?

  • Home
  • Bultii
  • 724: Obboleessi Jaartii Tiyyaa Hedduu na Jibba. Akkam godhuu qaba?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Haadha warraa tiyyaan hedduu wal jaalanna. Garuu obboleessi isii tokko hedduu na jibba. An ni maxxanfadha, inni ofirraa na fageessa. mee malli kiyya maali?

 

 

Deebisaa: Yaa gabroottan Rabbii, Rahiimummaa muruun haraama. Nama rahiimummaa mure Rabbiin ni abaare. kanaaf toowbadhuu gama Rabbii keetii deebi’i. Yaa gabricha Rabbii; si muruu obboleessa jaartii teetii hin laalin. Ati maxxanfadhuu nagaya gaafadhu. Waan dandeettii keetiitiinis gargaarii ittis dhihaadhu. Yoo kana goote, Rabbiin isaa rahiimummaa mure osoo hin taane, sihii rahiimummaa sufe waliin jira. Namni hamtuu namatti yaaduu fi toltuu namaaf yaadu tokkoo miti. Kanaaf gaafa tokko Rabbiin isas qajeelchuu danda’a waan ta’eef jecha, hamtuu isaa san toltuudhaan deebisii bakka buusiif jedha Rabbiin keenna. Dhaamsi nama rahiimummaa muruuf qabnu ammoo; “Rabbii kee sodaadhuu gocha akkanaa irraa of qusadhu!” jennaan.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Deebisaa Biyya alaa

 

Jechi gaariin onnee namootaa banee diinummaa fageessuun, wal danda’uu, walii dhiisuu fi walii rahmata godhutti nama geessa. Namni tokko osoo nama biraatiin miidhamu, yoo nama sanitti jecha tolaa itti dubbatu, namni sun hamtuu akka isaatiin itti deebi’amuu dhabuu isaatiin hedduu rifata. Kunis yaadaa fi kaayyoo nama sanii harkaa balleessuu danda’a. Kanaaf Rabbiin keenya qur’aana keessatti hamtuu hamtuun osoo hin taane toltuudhaan deebisaa jedhee kan nu ajajeef.

 

Yoo namni waan hamtuu sitti dalage, ati waan gaariin deebisi. Yoo nama sitti balleessetti tolte, jaala akkaan sitti dhiyaatu tayee agarta. (Fussilat 41:34)

 

Yeroo tokko tokko namoota of jaalachiisuuf jedhanii irra deddeebiin itti haasawuu fi dubbisuunis faaydaa hin qabaatu. Kanaaf jecha namoota tokko tokko akkanumaan irraa fagaatuun gaariidha. Nama irraa fagaatuu jechuun rahiimummaa kutuu jechuu miti. Nama sanii yeroo fi carraa ittiin yaaduun kennuudha. kanaafuu irraa fagaatuunis furmaata ta’uu danda’a.

 

Namaaf dhiifama godhi, Waan gaaritti isaan gorsi, wallaalummaan warra sitti balleessee irra darbiif. (Al A’raaf 7:199)

 

Sheikh Saalih Al Munajjid

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 791

Kanas dubbisi!

716: Dubartiin jaarsaan na hiiki yoo jetteen diliin isii maali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button