header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

721: Namni tokko mallaqa na bira kaayatee dhabame, akkam godhuu qaba?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Nama tokko Rabbiif jecha wal jaalannee maallaqa Amaanaa na bira kaayatee haga hardhaa bakka inni jiru hin beeku amaanaa tana akkam godhuu qaba?

 

Deebisaa: Yaa gabroottan Rabbii, Nama tokko yoo Rabbiif jecha wal jaalattan ykn kan amantii biroo keessa jirullee haa ta’uu, yoo amaanaa wal bira kaayattan bilbila, fi odeeyfannoo guutuu irraa katabadhaa. Akkasuma yoo wal biraa deemtan eessa akka kaayuufii qabdanii fi eenyutti kennuufii akka qabdan irraa beekuun dirqama. Haala waan kana hundaa irraa hin beekiniin yoo addaan baatanii fi bakka inni jiru yoo dhabdan immoo, wanni isin bira jiru sun yoo waan xiqqoo taate bakka Kheeyrii kaayaafii. Fakkeenyaaf qur’aana bittanii masjida kaayuufii, Yatiima (ilmaan abbaa hin qabne) fa’atti sadaqadhaaf. Garuu yoo waan kana raawwattan namni sun yoo deebi’e, ‘ni kennaaf’ jechuun sammuu teessan keessa jiraatuu qabdi. Yoo horii (maallaqa) guddaa taate immoo haga baatii jahaa (6) fi waggaa tokkoo (1) jala deemtanii barbaaduun dirqama keessan.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Rabbii fi Ergamaan Isaa Sallallaahu Alayhi wasallam dhimma amaanaatiin wal qabatee dhaamsa jabduu nuu dhaaman. Rabbi Qur’aana keessatti akkana jedha:

 

Rabbiin amaanaa isin bira jirtu warra haqa san qabuuf deebisutti isin ajaja.

 

(AL Nisaa’ 4:58)

 

Ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam “Namni tokko amaanaa yoo isin bira kaayate amaanaa san deebisaa” jedhan. Tirmizii 1264; Hadiisa kana Albaaniin Sahiih jedhe.

 

Kanaafuu wanti isin irra jiru abbaa amaanaa sanii barbaaddanii itti deebisuudha. Isa barbaaduu fi waa’ee isaa gaafachuu irraa of qusachuu hin qabdan. Haga argattanitti barbaaduun barbaachisa.

 

Yoo barbaaddanii argatuu dadhabdan haga deebi’utti amaanaa san kaayaafi. Waan humna keessanii gootanii yoo argatuun ulfaate mallaqa san isaa sadaqachuu dandeettan. Garuu erga akkas gootaniin booda yoo dhufee isin gaafate, mallaqa san maal akka gootan itti himtan. Yoo sadaqaa sanitti walii gale ajriin isaaf yaati. Haa ta’u malee mallaqa kiyya barbaada yoo jedhe deebisuufiin dirqama. Yeroo kanatti ajriin teessan taati.

 

Sheikh Saalih Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 451

Kanas dubbisi!

714: Hukmiin Dubartii Qabeenya Jaarsaa Karaa Mana Murtiitiin Walakkaa Qoodattee Maali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button