header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

723: Namni mana na wajji kireeffate muuziqaa dhageeyfata

Estimated reading time: 2 min

Gaaffii: Hiriyaa qaba kan mana tokko kireeffannee waliin gallu. Namni kun guyyaa takka qur’aana Rabbii dhaggeeyfatee hin beeku. Yeroo hunda muuziqaa sagalee haalaan itti dabalee dhaggeeyfataa hirriba na dhoorke. Kanaaf jecha nama Kanaan ‘Rabbiin meeshaa kana sirraa haa daaku’ jedhee yoon du’aa’ii irratti godhe balleessaa qabaa?

 

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii waan sirakkaa jiruun akkas jechuun kee rakkoo hin qabu. Garuu, Meeshaan kun akkuma ableeti. Ablee yoo nyaataan murattes ittumaan nyaatta. Yoo namatti garagalchites nama ittumaan miita. Kanaaf jecha sibiilli balleessaa hin qabu. Ka baleessaa qabu ilma namaati. Namni gariin nama hamaadha. Yoo nama san miidhuu barbaadde innis ta san caaltuun sitti dhufa. Kanaaf jecha isuma kanatti tola oolii waan kana sitti haa ajeessu jedhii du’aa’ii kadhuuf. Yoo gorsa kee kana sirraa fudhatuu didee akkasumatti kan itti fufu ta’e ammoo, bakka jijjiiradhuu ‘siif jecha mana jaaladhu dhiisee bahe’ jedhiin. Tarii yoo saniin gaabbee gara Rabbii deebi’e.

 

Nama haala Kanaan nama dararuun Rabbii kee sodaadhu jenna. Muuziqaa dhageeyfachuun Haraami. Gurra kee ka dhaggeeyfattuun kana bor irraa gaafatamta. kanaafuu toowbadhuu gara Rabbii keetii deebi’i.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Deebisaa biyya alaa

 

Islaamummaan hiriyyaa gaarii qabaachutti nu ajajji. Muslimnis hiriyyaa gaarii isaaf ta’u baafachuurratti hojjachuu qaba. Sababni isaa hiriyyaan gaariin hamtuurraa nama dhoorkee toltutti nama geessa.

 

Hadiisa Abu Sa’id Al Khudri gabaase keessatti ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam akkana jedhan, “Mu’mintoota yoo ta’an malee nama biraa hiriyyaa hin godhatinaa, yoo nama gaarii taate malee soorata keessanis nama biraatii hin kenninaa.” (Tirmizii 2395: hadiisa kana Daarussalaam Sahiih kan jedhe yoo ta’u, Al Baaniin ammoo Hasan) jedhe.

 

Walumaa galatti hiriyyaa gaarii qabaachuun haalaan barbaachisaadha. Haala addunyaan amma keessa jirtu keessatti namni dirqama garagaraatiif gara biyya garagaraa deemee hiriyyaa hamaatti saahiboomuu danda’a. Yunivarsiitiiwwan fi bakka dalagaatitti ammoo nama qajeelaa hin taane wajji kutaa tokko keessa jiraatuun yeroo dirqama itti ta’utu jira. Yeroo kanatti namni muslimaa maal godhuu qaba?

 

Namni muslimaa tokko bakka muuziqaa itti dhaggeeffatamu keessa malee carraa bakka biraachuu argatuun yoo itti ulfaate mana san keessa jiraatuu isaatiif badiin isarra hin jiru. Haa ta’u malee yeroo hunda Rabbi sodaatuun waan san akkaataa jalaa ittiin miliqu tolfatuu qabaata. Fakkeenyaaf gad bahee taa’uu yoo danda’e taa’uu, yoo hirribaaf taate ammoo carraa biraa waan hin qabneef mana seenuu danda’a. Yeroo kanatti waan hiriyyaan isaa dalagaa jiru san jibbaa jiraata taanaan Rabbi badii irratti hin qabu. Karaa rakkoo tana jalaa ittiin bahus isaaf mijeessa.

 

Namni nama akkanaa wajji galu haga danda’een nama san yaadachiisuu fi waan hamtuu san akka dhiisu gorsuun barbaachisaadha. Garuu yeroo gorsu kana ogummaa fayyadamuun akka namni sun hin hifannetti ta’uu qaba. Dabalataanis akka nama saniin hin nuffamne yeroo hunda waan Kanaan nama san mataa dhukkubsuu hin qabu. Wantoota garagaraa itti haasawuun dagachiisuu barbaachisa.

 

Sheikh Saalih Al Munajjid

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 354

Kanas dubbisi!

664: Hoteela foon booyyee itti gurguramu keessa hojjachuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Comment

Back to top button