header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

538: Waliyyootatti amanuun akkamitti laallama?

Estimated reading time: 1 min

Nama du’e ykn nama fagoo jiru maqaa yaamanii, inni akkana naaf godhuu danda’a. kana narraa dhoorguu danda’a jedhanii yaaduun shirkiidha. Kuni shirkii keessaallee shirkii guddaadha. Inumaa waan islaamummaa keessaa nama baasu. Namni waan akkanaa godhaa ture wanti isarra jiru; gama Rabbii isaa tawbatee aqiidaa isaa tolfatuu qaba. Amma boodas waan akkanaa irraa fagaachuu qaba. Bara durii namni waan hin taaneen nama sobee dilii akkanaa keessa nama buusuu danda’a. amma garuu yeroon tolee jira. Namni hundi hubannoo diinii gahaa qaba. Yeroo ammaa kanatti namni waan akkanaa dalagu jiraachuun isaatuu nama ajaa’iba. Nama waan kana dalagaa jiruun, Rabbii kee sodaadhuu dilii tanarraa deebi’I jennaan. Namoonni ati waliyyoota jettuun waan takkallee siif hin godhan. Waan takkallee si hin godhan. Waliyyummaa isaaniituu waan ittiin mirkaneeffattu hin qabdu. Nama Rabbiin sodaatu kan lubbuun jiru itti dhaqanii du’aa’ii naaf godhi jechuuniin rakkoo hin qabu. Rabbiin du’aa’ii isaa qeebalee hajaa namaa guutuu danda’a. garuu eega inni du’ee booda waliyyi jedhanii isa kadhachuun shirkiidha. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageeffadhu.

 

Sheikh Abdussamaal Xaahir

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 4
Views: 236

Kanas dubbisi!

607: Ollaa amantii biroo hordofu wajji akkamitti jiraatan?
529: Haadha tiyya ta islaama hin taane laaluunii ni danda’aa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!
Back to top button