header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

183: Namni Kaafiraa/dilii qabu tokko Ramadaana keessa yoo du’e maal ta’a?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Ramadaana keessa namni kaafiraa tokko yoo ka du’u taate, takkii namni dilii qabu tokko yoo ka du’u taate eeysa deemaa?

 

 

Deebisaa: Bakkuma warri jahannamaa deeman sani deema. Kaafirri kufrii irratti du’e akkasuma namni dilii gurguddoon du’elleen yoo Rabbi isaa hin araaramin kunillee garuma ibiddaa deema. Wanni inni jechuu barbaade akka natti fakkaatetti Ramadaana keessa ibiddi jahannami cufaadhaa namni kun eeysa dhaqaa? Bakkuma dhaquu hin qabu jechuuf deema obboleessi keenya. Warra kufriitiif ibiddi cufamee qulfiin itti ejjataa jira jechuu miti. Kufriin bakkuma ufii duri dhayxu sani dhayxi. Ulamaan islaama bakka afurii shanitti gaafii tanarraa walgaafatanii, ibiddi kun zaahiruma hulaan isaa cufame jechu moo silaafuu qur’aana keessatti hin dubatamnee hadiisuma keessatti rasuulli dubbatanii. Namni gartaanii dhugumaan Ramadaan soome ramadaan irraa dalagate irraa faayideeffate jannatuma seenaa jechuudha. Ka ammoo ramadaan irraa hin faayideeffatin ka ramadaana hin soomin silaafuu nama kuffaaraatii suni, sunillee ibidduma ufii seena karaan jarri seenuun hin cufamne warra ibiddaatiif warra maasiyaatiif hin cufamne ibiddi. Warruma muminaa ka Rabbi sodaatu saniif ibiddi irraa cufame jechuudha. Maasiyaa isaa Rabbi ramadaanaan dhiisaaf toowbaa isaa Rabbi irraa qeebalaa kana ka ulamaan islaamaa baldhisanii irraa dubbatan.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 235

Kanas dubbisi!

189: Falfala falfalaan hiikuun ni hayyamamaa?
176: Namni tokko ka intala takka karaa haraamaatiin itti dhufe eegasii deebi’ee fuudhuu ni dand’aa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button