Gaafii: Yoo falfalli nama tokkotti godhamee namni sun maraate, nama kuffaara tokko bira dhaqanii yooka nama fedheeyyuu haa ta’uu bira dhaqanii falfala falfalaan hiikuun ni danda’amaa?
Deebisaa: Falfala falfalaan hiikuun shari’aa Rabbiitti dhoowwadha. Dura falfalli sunuu jiraachuu waan seerri shari’aa nu barsiiseen beekuu qabna malee namummaan tokko lafaa ka’ee dubbiin kee kun falfalaa namatu si falfalee jedheetuma waswaasa wayii dubbachuudhaan sihrii namni siif himuu hin danda’u. Akka dhukkubni suni nama godhuun sheekhotaaf warra ilmii gaafatanii haala inni nama godhuun falfala ta’uufii falfala ta’uu dhabuun beekama. Dura beekuun isaatuu ilmitti haajama. Eega sihirii ta’uun hubatamee ammasi warra ulamaa’aa warra diinii bakkuma jirtanitti nama diinii sirritti beeku gaafachutu isin irra jira. Shari’aan Rabbii guddaa falfalaan falfala hiikuun haraama jetti. Maaliif jennaan falfala duraa namatti godhuun haraamaa falfala sani dhaqanii yookaa baratanii yooka nama falfala dalaguun dhaqanii narraa hiiki jechuun sunis shari’aa Rabbii guddaa keessatti dilii gurguddoodha. Warri siihrii dalaguufii warri sihrii baratullee diinii Rabbii guddaa irraa baha beeki yoo ka itti amanee sihrii kana ka dhugeeffatu taate. Kanaafuu achi dhaquun dhoowwaadha. Namni sihriin itti dalagamee kara kamiin irraa hiikama, gartanii Xibbu nabawii jedhamee jiraa qiraa’aata gartanii osoo sihrii nama hin seenne akkamitti eeggatan kitaaba jedhutu jira. Kitaaba Al-eelaaju walruqa’a kitaabu wasunnaa jettu kitaaba akka Azkaarul muslim fakkaattu sana barachuun dirqama. Kanaafuu eega namatti godhameellee akkatti ufirraa hiikaniin karaa qur’aanaaf hadiisaan du’aa’ii godhatantu jira.
Sheikh Alii Jimmaa