header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

271: Intala masaanuun haadha tiyyaa nama birootiif dhalte fuudhuu dandayaa?

  • Home
  • Bultii
  • 271: Intala masaanuun haadha tiyyaa nama birootiif dhalte fuudhuu dandayaa?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Gurbaa tokkotuu intala takka fuudhee, intalti sun intala qabdi. Namtichi haadha fuudhe kun intala isiin fudhattee dhufte kana gurbaa isaatiif kennuu danda’aa?

Deebisaa: Shari’aan humaa hin qabuu jetti. Abbaan haadha fuudhee gurbaanillee intala fuudhuun rakkoo hin qabu. Maaliif jennaan ka shari’aan Rabbii guddaa dubbate dubartii takka yoo fuutan intala isii hin fuudhinaa, haala dubartii sanitti seentanii jirtaaniin yoo taate jedha shari’aan. Yoo dubartii sanitti hin seenin ammoo haadha dhiisee eeguma kadhateeyyuu hattaa nikahallee haa godhatuu yoo waliin hin rafin intala isitti deebi’uu danda’a. intala isii fuudhuu danda’a. Garuu yoo haadhaan waliin rafee jiraate intalli haadha jala dhufte suni isaa haraama. Garuu gurbaa isaatiif wanni haraama godhe hin jiru. Rabbiin guddaan Suuratul Nisaa’i keessatti waan lakkaaween ala hunduu isiniif halaala jedhee waan dubbateef jecha, wanni gurbaa isaa intala jaartii abbaa isaa dhoowwe hin jiru.

 

Sheik Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 706

Kanas dubbisi!

281: Qabeenyi haadha warraa waliin argatan, yoo wal hiikan akkam godhama?
253: Anaa sabiyyii nama an hin beeyneef nikaha na godhe
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button