header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

281: Qabeenyi haadha warraa waliin argatan, yoo wal hiikan akkam godhama?

  • Home
  • Bultii
  • 281: Qabeenyi haadha warraa waliin argatan, yoo wal hiikan akkam godhama?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Niitii tiyya wajjiin dalagaa dalagnee horii argannee eega horii arganneen booda na hiiki naan jette yoo ka hiiku taate horii nu qabnu san naaf qoodi naan jette

 

 

Deebisaa: Dura intalti islaamaa takka badii takkaan maletti dhiirsa isii hiikkaa gaafachuun, shari’aa islaamaa keessatti haraama. Rasuulli ? intalti takka ta rakkoo takkaan maletti, hiikkaa dhiirsa isii gaafatte, jannatni isii irratti haraama jedhe. Lammaffaa yoo ka isiin gaafattu taate dhiirsii isii Mahrii isiitiin of hiiki jedhuu mirga qaba. Yoo maahrii ufiitiin uf hiikte akkasitti dhiirsa isii irraa ka baatu taate ni danda’a. yoo inni maahrii isii isii kennee hiikellee ni danda’a. Garuu horii kana ka waliin dalagan ka isiinillee dalagde ka innillee dalage qooda isii ni qabdi. Maaliif jennaan danfa isiiti. Garuu horiin kun bakki irraa dhufe horiin kun ka iisiiti moo ka isaatii bakka irraa dhufe beekuun barbaachisaadha. Yoo qabeenyi duraan ka isaa ta’e intalli sun akka mindaadhaan dalagduu fakkaata. Nama miindaan hojii dalagu ammoo, amata haga inni dalage herreeganii isaa kennan. Yookaan akka gaaritti addaan bahuun shari’aa islaamaa keessatti barbaachisaadhaa. Addumaan hiratanii qooda isiillee isiin fudhattee innillee qooda isaa fudhataa jechu.

 

 

Sheikh Abdurahman Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 110

Kanas dubbisi!

292: Horii haati warraa dalagdee fiddu nyaachuun taatii?
271: Intala masaanuun haadha tiyyaa nama birootiif dhalte fuudhuu dandayaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button