header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

539: Namni Hajjiif niyyate tokko jalqaba maal guuttatuu qaba?

  • Home
  • Hajjii
  • 539: Namni Hajjiif niyyate tokko jalqaba maal guuttatuu qaba?
Estimated reading time: < 1 min

Hajjii Rabbi biratti qeebalmtuu taate raawwachuudhaaf sharxiin duraa niyyaa tolfachuudha. Rabbiif qulqulleessanii hojjatuu barbaachisa. Maqaa “haaj ebalu jedhu” itti argachuudhaaf osoo hin taane, na haa arganiifi duniyaas irraa argachuudhaaf osoo hin taane, Rabbiif qulqulleessanii isa qofaaf hajjuu barbaachisa. Sharxiin lammataa akka Nabiyyichi (SAW) hojjatanitti sirreessinee hojjachuu qabna. Nabiyichi akka ani hajju kanatti eeggattanii hajjuu qabdan jedhanii nuuf dhaaman. Kanaafuu osoo waan takkallee itti hin dabalin yookaan ammoo irraa hin hir’isin, akkuma sunnaa Nabiyyii keennaa (SAW) sanitti raawwachuu qabna. Akkaataa Nabiyichi nu barsiisaniin alatti Yoo waan takka itti daballe, yookaan ammoo niyyaan keenna Rabbiif osoo hin taane na argaadhaaf yoo tahe hajjiin sun namarraa hin qeebalamtu. Deebisaa guutuu sagalee irraa dhageefadhu.

 

Dr. Jeeylaan Ha/Khadiir

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 8
Views: 777

Kanas dubbisi!

540: Namni tokko Hajjii godhuuf deemee yoo achitti hafe akkamitti ilaalama?
516: Namni hajjii irra jiru rifeensa bobaa yoom murata?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!
Back to top button