header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

598: Dubartiin azaanachuu yookaan iqaamachuu dandeessii?

Estimated reading time: 2 min

Deebisaa Gabaabduu

 

 

Ulamaa’iin harki caalu dubartiin azaanachuus tahee iqaamachuu hin qabdu jedhan. Sababaan isaatis sawtiin yokaan sagaleen dubartii awraadha (dhokfamuu yokaan sattaramuu qaba) jedhan. Bu’uurumattuu azaanni

 

Mazhaba akka Shaafi’iyyaa keessatti ammoo azaanni sunnaa jabduudhaa jedhan. Dhiira biratti azaanni fardul kifaayaa dha. Inumaahuu mallattoo islaamaati. Haatahuutii irra hedduun ulamaa’ii, dubartiin azaana godhuu hin dandeessu akkasumas iqaamachuullee hin dandeessu jedhan.

 

Ulamaa’iin gariin ammoo, dubartoonni bakka kophaa isaanii jiranitti azaanachuullee ni dandahan akkasuma iqaamachuullee ni dandahanii jedhan. Daliilli ulamaa’ii kanneenii Hadiisa Haadha Mu’imintootaa A’ishaa (RA) irraa dhufe. A’ishaan eega Nabi Muhammad (SAW) aakhiramanii booda yeroo mana isii keessa jirtu aazanattee, iqaamattee salaataa turte jedhan.

 

Kanarraa kahuudhaan ulamaa’iin gariin, dubartiin yoo kophaa isii taate, yoo dubartoonni qofti bakka addaa jiraatan aazaananii, iqaamanii salaatuu ni dandahan jedhan. Dhiirti sagalee isaanii dhageettee saniin fattanamuu irraa nagaha tahuu mirkaneefachuu qaban jedhan.

 

Walumaa galatti bakka dhiirti hin jirretti dubartiin azaanachuu fi iqaamachuus ni dandeessi, bakka dhiirti jirtutti garuu dubartii irratti dhoorkaa taha.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif

 

Dubartiin imaama taatee dubartoota salaachistu, duratti bahu qabdii?

 

 

 

Gaafiin biroo ammoo dubartiin takka dubartoota biroo yoo kan salaachiftu tahe, akkuma warra dhiiraa duratti achi baatee salaachisuu dandeetti moo, isaanuma wajji saffaa tokkorra dhaabbattee salaachifti kan jedhuudha. Ulamaa’iin murtiin shar’ii dhiiraaf dhufe dubartiifis akkasumatti dhufe jedhan. Wanti shar’iin addatti isii keessaa foohes numa jira. Kanaafuu dubartiin salaachisuu irratti ulaamaa’iin haalli lachuu numa tahaa jedhan. Duratti baatee salaachisuunis nitaha, akkasuma jama’aa isiitiin walqixa dhaabbattee salaachisuunis rakkoo hin qabu.

 

Dubartiin imaamaa sagalee ol fuutee faatihaa qara’uu dandeessii?

 

Namni dhiiraa ajnabii tahe yoo bakka san hin jiraatin hanga warroonni isii duubaan salaatan dhagayan takka, sagalee olfuudhuun rakkoo hin qabu. Yoo ajnabiin jiraate garuu sagalee olfuudhuun hin danda’amu.

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

Deebisaa Ulamaa’ii biyya alaa

 

Dubartii kophaa isii salaattu taatee, yokaan ammoo tan jama’aan takka keessaa imaama taatee waliin salaattus, iqaamaachus tahee azaanachuutti hin ajajamne.

 

Fataawa al-Lajnah al-Daa’imah, 6/84 

 

Shaykh Ibn Baaz (Rabbi Rahmata haa godhuufii) gaafii dubartiin iqaamachuu fi azaanachuu dandeessii jedhu gaafatamanii yemmuu deebisan: Dubartiin Salaatuudhaaf iqaamatis tahee azaanachutti hin ajajamne; sun hojii dhiiraati. Dubartiin osoma hin azaanatin fi hin iqaammatin salaatuu qabdi.

 

Majmoo’ Fataawa wa Maqaalaat Mutanawwi’ah, 10/356. 

 

Gama  biraatiin ulamaa’iin gariin, dubartiin kophaa isii yookaan dubartoota biroo wajjiin qofa yoo jiraatte, sagalee hanga dubartoonni isii waliin jiran dhagahan takka ol baastee azaanuu fi iqaamas yoo goote irra jaalatamaadha, yoo dhiistes rakkoo hin qabuu jedhan.

 

Dubartiin imaama taatee salaachisuu ilaalchisee; Jalqaba irratti dubartiin imaama taate salaachisuu kan dandeessu warroonni isii waliin salaatan hundi dubartoota yoo tahan qofa. Hala kanaan dubartoonni dhimma adda addaatiif yoo walbiratti argaman, jama’aan waliin salaatuun isaanii jaalatamaadha. Haatahuuti dubartiin imaama taatee salaachiftu saffuma awwalaa jidduu keessa dhaabbattee salaachisuu qabdi.

 

Dubartiin imaama taate salaachiftu faatihaas tahee aayata biroo sagalee olfuutee qara’uu dandeessi gaaffii jedhuuf, namni dhiiraa ajnabii tahe yoo bakka san hin jiraatin hanga warroonni isii duubaan salaatan dhagayan takka sagalee olfuudhuun rakkoo hin qabu. Yoo ajnabiin jiraate garuu sagalee olfuudhuun hin danda’amu.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 838

Kanas dubbisi!

602: Yeroo xuriin laguu addaan ciccitu ibaadaa akkam godhan?
594: Osoo Abbaan Jiru Obboleessi Xiqqaan Nikaah Godhuu Danda’aa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. Salaata Leeylii Raka’a Lama salaate watri irraatti Ruku’a irra oli jedhe yoo harkaa oli qabe Du’aii godhe sujudaa bu’e Rakko qaba?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button