header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

611: Nama Muslima hin tahin waliin afooshaa seenuun hayyamamaa?

Estimated reading time: 1 min

 

Afooshas tahee hojii daldalaa kan birootis, Nama Muslima hin tahin waliin gurmaayanii dalaguun ni taha. Waan aqiidaa nama islaamaa hin tuqne yoo tahe, Nama Muslima hin tahin waliin dalagachuun ni hayyamama. Haatahu malee waan haraamaa shari’aan hin hayyamamne kan akka Ribaa, daldala Farshoo fi kanneen biroo yoo qabaate waliin hojjachuun yokaan gurmaahuun hin tahu.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif

 

Deebisaa ulamaa biyya alaa

Qajeelfamni bu’uuraa, namni Muslimaa warra Muslima hin tahin waliin hojii daldalaa kanneen akka horii horsiisuu, qonna yokaan ammoo gurmaahina biroo kamiinuu hojjachuun ni dandahama. hanga hojiin sun waan haraamaa hin tahinitti. hamma walitti dhiheenyi namoota kana waliin qabnu dhimma duniyaa qofa tahetti.

 

Ulamaa’iin gariin akki jedhan, nama muslima hin tahin waliin hojjachuun kan hayyamamu, hanga namni muslimaa angoo toohachuudhaa yookaan itti gaafatamaa hojii sanii tahe qofatti jedhan. Kun dhimma amanamummaa waliinis kan walqabatuudha. Namni waliin hojjattu kan si hin ganne, kan hojii haramaa keessa hin makne tahee, walitti dhiheenyi keessan dhimma duniyaa/biiznasii bira kan hin dabrineefi, yoo ati hojii kana toohachuu mirga kan qabdu tahe ni hayyamama.

Irra caalaan garuu nama Muslima hin tahin waliin hojii daldalaa irratti gurmaahuu dhiisanii, kan Muslimaa waliin gurmaahutu irra caala. Kun qabeenya waliin dhimmoota amantaan dirqama godhe, safuu fi mooraalii amaantiin islaamaa nama ajaju hunda salphatti akka tikfattu si gargaara.

Shaykh ‘Abd al-‘Azeez ibn Baaz (Rahimahu Allaah)

 

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 49

Kanas dubbisi!

643: Nama Zinaa Dalagutti Mana Kireessuun Ni Tahaa?
607: Ollaa amantii biroo hordofu wajji akkamitti jiraatan?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button