Gaafii: Dubartootni yeroo tokko tokko jama’aadhaan salaatuu fedha ni qabu. Yeroo kanatti garuu saffii irratti faffaca’uudhaan dhaabbatu. Dubartoonni Saffii akkam godhuu qaban?
Deebisaa Gabaabaa
Shari’aa Islaamummaa keessatti wantoota muraasa ifaan himaman yoo taate malee, waan heddu keessatti ajajni dhiiraa fi dubartootaaf kenname wal fakkaataadha. Fakkeenyaaf dubartootaaf salaatul Jama’aa masjiida dhaqanii salaatuun dirqamaa miti. Haa ta’u malee dubartootni gara masjiidaa deemanii salaatuu yoo fedhan, hin dhoorkaman. Kanaafuu masjiida keessaati ykn bakka birootti jama’aan salaatuu yoo fedhan, akkuma dhiiraa qaama isaanii walitti maxxansuu qaban. (Ceekuu fi miilaan wal tuqanii Walitti hidhatuu qaban)
Imaamummaa irratti kan dhiiraa fi dubartootaa garaagarummaa qaba. Dubartoonni wayta jama’aan salaatan; imaamni jidduu irra dhaabbattee, warri hordofu ammoo bitaa fi mirgaan dhaabbatan. Yeroo dhiiraa ammoo imaamni duratti baha. Yoo saffiin guutamte namni dhufu mirga imaama dhiiraatiin dhaabbachuu ni danda’a. Bitaa imaamaa dhaabbachuun ammoo dhoorkaadha. Kanaafuu masjiidattis ta’e bakka salaatamutti saffiin hundi yoo guutamte imaama dhiiraa irraa mirgaan hidhachuun ni danda’ama. Bitaa isaatiin dhaabachuun hin ta’u. dubartootni ammoo mirgaa fi bitaa imaama isaanii dhaabbachuu ni danda’u.
Dr Liwaa’ul Islaam
Fatwaa biyya alaa
Deebisaa Dr. Bilal Philips
Dhimmi salaataa dubartootaa fi dhiiraa hordoftoota Mazhaba garagaraa keessatti akka garagaraatti hubatameera. Namoonni gariin dubartootni akka dhiirri salaaturraa adda ta’anii salaatuu qaban jedhanii amanan. Akka ragaatittis aayatoota Qur’aanaa kan salaataan walitti hidhata hin qabne dhiheessu. Fakkeenyaaf “dhiiraa fi dubartiin tokkoo miti” aayaa jedhu fudhachuudhaan dubartootaaf salaata addaatu barbaachisa jedhan.
Haa ta’u malee Rasuulli SAW “Akka an salaatutti salaataa” jedhanii ajajan. Ajajni kun hunda namaa walitti qabata. Dhiira, dubartii, ijoollee, manguddoo, namni hundi akka Rasuulli SAW salaatanitti akka salaatu ajajame. Kanaafuu akkaataan salaataa addatti dubartootaaf ajajame hin jiru. Hadiisni sahiihaa tokkolleen kan dubartiin akka addaatti salaatuu qabdi jedhu hin jiru.
Haa ta’u malee aadaan uummata tokko tokkoo ilaalchi dubartootaaf qabu sirrii miti. Loojikiiwwan garagaraa fayyadamuudhaan dubartootni haala Kanaan salaatuu qaban jechuudhaan mazhaba keessatti dabalan. Namni tokko osoo beekumsa diinii haga fedheellee qabaatee waan shari’aadhaan kaayame jijjiiruu mirga hin qabu. Kanaafuu waan Rasuula SAW irraa dhufe qofa hordofuu qaban. Kanaafuu dubartootnis akkuma dhiiraatitti salaatuu qaba.
Deebisaa Sheikh Asim Al Hakim
Hadiisni Rasuula SAW irraa dhufe “Akka an salaatutti salaataa” kan jedhu ajaja walii galaati. Kan saala fooyee miti. Gad fageenyaan hadiisota birootis qorachuu osoo itti fuftanii ajajni addaa dubartootaaf kenname akka hin jirre hubattan. Kanaafuu salaata irratti dubartoota wanti dhiira irraa adda godhu hin jiru. Haa ta’u malee namoonni tokko tokko dubartiin akka sattarattu ykn qaama isii haguugdu gochuudhaaf jecha yaada isaanii itti dabalan. Kun daangaa darbuudha. Daangaa darbuun ammoo sirrii miti. Nuti Rasuula SAW caala dubartootaaf yaadneeti akkana goone jedhuu hin dandeenyu. Haga isaanii kan ummata kanaaf yaadu hin jiru. Isaan dubartootni yoo salaatan akkanatti salaatuu qaban jedhanii wanti kophatti ajajan hin jiru. Kanaafuu Dubartootnis akkuma dhiirri salaatutti salaatan.
Deebisaa Dr. Zakir Naik
Ergamaan keenya Jaalatamaan Nabi Muhammad SAW Hadiisa Sahiiha Bukhaarii keessatti ibsame irratti, “Akka an salaatutti salaataa” jedhanii ajajan. Ergamaan Rabbii dubartootaaf ajajni addaa isaan kennan hin jiru. Akkasumas hadiisuma biraa kan Bukhaarii keessatti ibsame irratti dubartootni akkuma warra dhiiraatitti salaataa turuun isaanii gabaafameera. Salaatni addatti dhiiraa fi dubartootaaf qoodame hin jiru. Kanaafuu dhiiraa fi dubartiinis akka Rasuulli SAW salaatanitti salaatuu qaban. Kitaabonni tokko tokko kan akkaataa salaata dhiiraa fi dubartootaa irratti qophaayan akka jiran nin beeka. Haa ta’u malee hadiisni sahiihaa kan salaata saalaan adda fooyu hin jiru.
Islaamummaa keessatti yeroo hunda ragaan keenya qur’aanaa fi hadiisa sahiihaati. namni kamuu hayyuu fedhe osoo ta’ellee, yoo deebisaa tokko kennu ragaan inni dhiheefatu qur’aanaa fi hadiisa ta’uu qaba. Haala Kanaan aayaan Qur’aanaa tokkolleen, hadiisni sahiihaa tokkolleen kan akkaataan salaataa dhiiraa fi dubartootaa garagara jedhu hin jiru. Hayyuun tokko tokko dubartootni qaama isaanii dhoksuu waan qabaniif haala Kanaan salaatuu qaban jedhanii kan yaada mataa isaanii kaayan ni jiru. Haa ta’u malee Rasuulli SAW waan akkanaa hin dubbanne. Kanaafuu akkuma Rasuulli SAW salaataa turanitti salaatuu qabna.
Guduunfaa
Deebisaa hayyootaa akn asii olitti ibsaman irraa hubatuu akka dandeenyutti, akkaataan salaataa dhiiraa fi dubartootaafis wal fakkaataa ta’uu isaati. Akkaataan dhaabbannaa, rukuu’aa, sujuudaa fi kanneen birootis akkuma dhiirri salaatutti salaatan. Hadiisni Sahiihaa kan dhimma salaataa irratti saala lamaan addaan fooyu waan hin jirreef, akkuma Rasuulli SAW salaataa turanitti salaatuun dirqama keenya.
Dhiirri yeroo salaataaf dhaabbatu Saffaa wal qixxeeffatee dhabbachuu qaba. Miila isaa kan bitaafi mirgaa namoota bitaafi mirga isaa jiranitti maxxansee, ceekuu ykn gateettii isaatis itti maxxansee dhaabbata. Dubartoonnis akkanuma. Miilaafi ceekuunis wal tuquu qaban. Ajajni Rasuulaa kanuma.
mashaa allah jazaa kumullaah keyr